“Mootummaa kanatti iddoo gochuuf Tokkummaa osoo hin taane Irree barbaachisa” jedhe Jaal Marroon
“Mootummaa kanatti iddoo gochuuf Tokkummaa osoo hin taane Irree barbaachisa” jedhe Jaal Marroon
Tibbana GGO akkasuma ajjeechaa Oromiyaa keessaa ilaalchisuun haasaa ajajaa olaanaan ABO WBO taasiseen Oromiyaan osoo goota hedduu qabduu qabsoo bilisummaa ishee injifannoon gudunfuu dadhabuun akka nama dhukkubsu dubbate.
Oromiyaan goota roorro didu kan lubbuu isaa hin mararfanneef hedduu osoo qabduu galma gahuu hanqachuun akka nama gaddisiisuu Jaal Marroon hime
Gooti roorro didu, kan hin jilbeenfanne, waan sabaaf hin mallee waan dalga itti gale kan hin fudhanne, lubbuu isaa kan hin qusanne osoo qabnuu qabsichicha injifannoon gudunfuu dadhabuun akka namatti dhagaa’amu dubbate.
Jaal Marroon akka dubbatetti “Jaarmiyaanis haa ta’u, dhuunfaan waan saba Oromoof hin malle kan hin fudhanne, inni wareegame goota Oromooti” jechuun ibse.
Qabsoon Oromoo jaarraa tokkoof walakkaa olii qabee hanga ammaati wareegama sabichaan siqaatuma siqaa dhufuu isaa kan hime jaal Marroon bakka yaadame gahuu hanqachuun waan qaanessaa ta’uu dubbate. Kanas yoo ibsu “Guddaan hagas gahu kun Oromoonii, gaanfa Afrikaa irratti, guutuu Afrikaarratti akkasuma addunyaarrattillee sabni aadaa tokkoo, hiree tokkoo, afaan tokkoo,saba tokko biyya tokkoo, hagana gahu kuni haga ammaa eessumaayyuu guyyaa itti cabiinsi Oromoo karaa Kaabaa tokko jedhee eegalerraa haga har’aa waggaa 160 dhiyaatu kana guutuu bara dhufaa darbee gaafa cabnerraa kaasee hanga amma waliin haasofnu kanaatti wareegamni dhaabbate hin beeku, garbummaa nii fudhanna jennee hin beeknu, roorro kanarratti guyyaa tokko falmachuu dhaabnee hin beeknu, akkas taane garuu haga ammaa waan barbaannu dhabuun nu qaanessa”
Akka ibsa Jaal Marroo kanatti sabni afaan, aadaa, biyya tokkoof hiree tokko qabu cabiinsa hamaa kanaan waggoota dheeraa lakkoofsisuun baay’ee waan qaanessaadha.
Sunuu garbummaa hiriyaa hin qabnedha jechuun hangam saalfachiisaa akka ta’e ibse. Haalli kun ta’ee garuu kan sabicha garboomse beekumsaan caalee, gootummaan caalee akka hin taane jaal Marroon dubbate.
Osoo goota qabnuu, osoo hayyuu qabnuu osoo qabeenya qabnuu cabnee garbumma hiriyaa hin qabne keessatti kufnee jirra yaadni jedhu kan hogganaa ABO WBO kanaati.
Himati ebelu nu garboomse nu cabse jechuun Oromoon himatu akka yaada jaal Marrootti fudhatama hin qabu. Lolee cabsee irra aanuu osoo danda’uu Oromoon gartuu isa cabseef qaama isa cabse himataa bara bahuu hin qabu yaada jedhu kan of keessaa qabu dubbate.
Goota ija lamaaniin ilaala kan jedhu jaal Marroon, kunis Gootaa fi Jagna jechuun ibse. “Oromoon goota hedduu horateera jedhee afaan guutee dubbachuun natti ulfaata” kan jedhe ajajaa olaanaan ABO-WBO, gootummaan nama gamna, qaroomina, beekumsa, dinagdee waa hunda walitti qindeessee socho’udha jechuun ibse.
Sababoota olitti eere kanarraa ka’uun jaal Marroon Oromoon goota osoo hin taane jagna hedduu horate jedha. Akka sabaatti goota fageessee ilaalu horachuun hin danda’amne jechuun dubbata.
Addatti bakka kanatti kan xuqe jaal Marroon namoota ABO bu’uuressuu keessaa gahee qaban, har’a golgaa Itoophiyaa jalatti Oromoof waan argachuu qabu argachuu wayyaaf jedhan ulaagaa gootummaa hin guutan.
Itti fufees kan dubbateen “Gootni gamna, waan barbaadu, bara itti galmeessu, haala itti galmeessu, daandii irratti galmeessu, hin dubbatu hin himatu, garaatti beeka. Jagni garuu yeroo hedduu kutannoodha qaba, hubannoo dhabuu nii danda’a. Itti cabsee lola, gara isheen itti baatu garuu hin ilaalu. Oromoon jagna hedduudha qaba.” Jedhee jira.
Jagni Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo qofa isoo hin taane Impaayera Itoophiyaafuu lolaa akka ture, qaamota Oromoo garboonfatan lolchiifataa akka turan ibsuun namoota akkanaaf garuu ulaagaan gootummaa akka hin laatamne, ammoo jagna ta’uu isaa Jaal Marroon dubbate.
Yeroo hedduu namoota Xaaliyaanii lolan dabalatee waraana biyyattii keessatti adeemaa turerraa qooda fudhataa kan turan Oromota hedduuf bara kana maqaan gootummaa osoo laatamuu mul’ata. Dubbii jaal Marroo irraa kan hubatameen garuu gootummaan namoota akkanaaf hin laatamu, ammoo jagna jedhamuu akka danda’an ibsa.
Kana malees namooti WBO gaggeessaa turan, kannee bu’uura ABO keessaa qooda qaban boodarra osoo gara Itoophiyaatti yaada naanneffatanii argama. Isaan akkanaafis maqaan gootummaa akka hin laatamne ammoo jagna ta’uu isaa kan ibse hogganni ABO-WBO kun, Oromoon jagnoota kumaa kitilaan horate malee goota horachuu baayyinaan horate hin qabu jedheera.
Haasa isaa kana keessatti ammas akka hubatamuuf fakkeenya fudhatee kaase keessaa dhimma Miniliik Goobanaa caqaseera. Minilik saba isaaf goota, Goobanaan garuu jagnumaa qaba gootummaa isa fuulduree ilaalan, gamnummaan lolan san waan hin qabneef Goobanaan jagna malee goota miti jedha. Minilik garuu saba isaaf goota, jagnoota Oromoof jagnoota saba kaaniillee walitti qabee lolchiifate jechuun jaal Marroon ibse.
Asitti wanti hubatamu Gootummaan saba ofiif bu’aa buusuu dabalata, ergamaa ta’uurraa bilisa of baasuu, ajajamaa ta’anii saba ofitti danqaraa ta’uu dhabuutu ulaagaa gootummaa nama guuchisa jedha.
Dubbii isaa keessaa inni biraan dhimma ijaarsaa irratti xiyyeeffata. Ijaarmuun yeroo dheeraaf waan baay’ee akka nama gaafatu caqasuun diigamuun garuu yeroo muraasaaf humna xiqqoo si gaafata jedha.
“Booranni uumamaan beekumsa qaba jechuun kan dubbate jaal Marroon, sanaa olitti beekumsa nu barbaada” jedha.
“Waraana ijaaruun yeroo nama gaafata. Guyyuma tokkotti waraanni hin ijaaramu, bara hedduu si gaafata. Karoorsuu si gaafata. Waraana ijaartu kana yeroo si gaafachuu qofaa miti baajeta guddaa si gaafata. Baajeta qofaa miti beekumsa humna namaa dandeetti si gaafata.” Kan jedhu hogganaan kun, waan ijaarame diiguun garuu sekoondii yookan ammoo hanga libsuu ijaa si gaafata. Diigamuuf baajeta guddaa si hin gaafatu. Diigamuuf dandeetti nama hedduu si hin gaafatu. Diigamuun yeroo dheeraa si hin gaafatu.” Jechuun Jaal Marroon dubbate.
Lubbuun lolaniif hin wareegamtu lolarraa hanqatanuuf du’a hin ooltu kan jedhe Jaal Marroon; Oromoon itti cabsee loluu akka qabu yaada akeeku kenneera.
Dimmoota ajjeechaa Oromiyaa keessaa irrattis dubbii dubbateen bata Hayila Silaasee, Bara Dargii, bara Wayyaanee eenyu akka du’eef namni meeqa akka du’e baruu dandeessa, kan bara kanaa garuu waggaa 5 dhiisii guyyaa shanitti guutuu Oromiyaa dhiisii ganda tokko keessaa eenyu akka du’e lakkoofnee itti bahuu dadhabneerra jedha.
Ajjeechaan hangam akka daangaa darbe haasaa kanarraa nama hubachiisa. Ooltee bultiin sabichaa awwaalchuma ta’aa dhufuu isaa nama akeeka. Maacallifna callisuun hin feesisu jechuun murannoon akka barbaachisu dubbate.
Baay’isnee du’uuf baay’isnee dararamuu akka mirgaatti ilaalaa jirraa? Jechuunis akka gaaffitti yaada isaa ibsate.
“Biyyattii mootummaan gaggeessaa jiru Bulguudha, jawweedha si liqimsuu barbaada. Qaama akkasii waliin aarsaa kaffallee mariif teenye kan jedhe Marroon, humna kanaaf irree barbaachisa jedha. Tokkummaa barbaada hin jedhu an. Oromoon tokkummaa tokkummaa jechuu hin qabu. Maaltu adda baase eessatti gargar baheetu ta’eetu tokko ta’aa jedha Oromoon tokko duruu tokkuma” jedha Jaal Marroon.
Mootummaa kanaaf irree barbaachisa, qawwee hidhachuu ijaaramuun loluun akka murteessaa ta’e himuun kana injifannoon gudunfuuf ammoo beekumsaaf gamnumma akka barbaachisu dubbii isaarraa hubatama.