Mootummaan Itoophiyaa WBO’n Alshabaab waliin hidhata qaba jechuun maaliifi?

Mootummaan Itoophiyaa WBO fi Alshabaab walitti hidhuu bu’aa siyaasaa naannichatti olaantummaa kennisiisuuf argachuu barbaada.

Gaanfa Afrikaatti shororkeessummaan beekamtii akka addunyaatti kan qabu Alshabaab biyyoota hedduun farrajama. Kanaafis Somaaliyaaf naannichaatti biyyootni Alshabaab fi gartuu ISS dhabamsiisuu barbaadan kanneen akka Ameerikaa baajeta hedduu itti baasanii naannichaa dhabamsiisuuf hojjetu.

Itoophiyaan yoo ABO’n akka addunyaatti ija shororkeessummaan ilaalame guddoo irraa dheebotti. Kanaafis wantoota akkanaan yaada adda addaa itti dhiyeessuun biyyootni idil addunyaa WBO akka shororkeessummaan galmeessan hawwiti kanaafis hojjetti.

Wantoota shororkeessummaan wal qabatan, amalaaf gocha shororkeessummaa raawwachuun hanga maqa balleessii irratti adeemsisuutti akka geessus namootni siyaasaa itti walii galu.

Buttaa hawwaasa nagaaf ajjeechaa suukanneessa qindeessuun raawwatee akka waan WBO’n gocha san dalageetti ibsuun mootummaa kanarraa akka maddus baayyoliin himu. Balaawwan ajjeechaa abbootii gadaa Karrayyuuf san kan fakkaatan raawwatee daddaffiin mootummaan WBO tti quba akeekuun kanarraa kan madde ta’uu himama.

Tibbanas ajjeechaa lammiilee nagaa Keeniyaa keessaa ofii raawwatee guyyoota murtaawaa gidduutti hatattamaan hariiroo waraanaa Keeniyaa waliin tolfachuuf fiiiguun kanarraa kan madde ta’uu isaa himama.

Mootummaan Itoophiyaa adeemsa kana dhugoomsuuf tibbana WBO fi Alshabaab hariiroo kallattii akka qaban ibsuu yaaleera. Waraanni Bilisummaa Oromoo waan mootummaan Itoophiyaa ittiin yakku kana keessaa harka akka hin qabne ibseera

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *