Namootni 170 Dabalataan COVID-19 Qabaman

Itoophiyaatti

Sa’aati 24 darban keessatti Itoophiyaatti dabalataan namoota 170 irratti vaayirasiin koronaa argame.

Qorannoo sa’aatii 24 darban namoota 6187f taasifameen namoota 170 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksisee jira.

Walumaa galatti, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii hanga ammaatti 2506 gaheera.

Dabalataan namoonni 3 yoo lubbuun darban, lakkoofsi namoota du’anii 35 gahee jira.

Kanneen du’an keessaa 2 Finfinnee irraa, tokko immoo naannoo Oromiyaa irraati. Namootni du’an sadeen vaayirasichaan qabamuun isaanii kan beekame erga du’anii booda.

Sa’aatii 24 darban keessatti, namoonni 22 ammoo haaraa vaayirasicharraa bayyanachuu isaanii Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa gabaaseera.

Naannoo Oromiyaatti

Naannoo Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 7 irratti vaayrasiin koroonaa kan argame yoo ta’u, lubbuun nama 1 darbeera.

Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 363 gaggeeffamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Namoota kanneen keessaa 4 dhiirota, 3 ammoo dubartoota. Umriin isaanii waggaa 25 hanga waggaa 50 keessatti argama. Hundinuu seenaa imala alaa hin qaban. Namni tokko tuttuqaa qaba. Namoonni 6 ammoo tuttuqaa hin qaban. Namni 1 lubbuun darbeera. Samuudaa reeffarraa fudhatameen mirkanaa’e.

Namoonni 2 Burraayyuu, 2 Sabbataa, 2 Sulultaa, 1 Duukam ta’uu biirichi beeksiseera.

Waliigalaan hanga ammaatti namoonni 23 dandamataniiru. Namoonni vaayrasichaan qabaman 148 qaqqabera. Yaalarratti kan argaman 120 yoo ta’an, waliigalaan lubbuun namoota 5 darbeera. Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 11,520.

Share this on: