Obbo Geetaachoo Raddaa garee Dabratsiyoon Gabramikaa’el Fonqolchaan himate

Hogganaan bulchiinsa yeroo Tigraay mataa TPLF kan ta’e Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el fonqolcha narratti gaggeesse jechuun himate.

TPLF garee lamatti wal hiruun wal dura dhaabbachuu erga eegalanii yeroo yeroon ibsa wal irratti baasuu itti fufaniiru. Gareen Dr. Dabretsiyon Gabremikaa’eliin durfamu hogganaa bulchiinsa yeroo Tigraay ammaa obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee hogganoota isa waliin jiran aangoorraa kaasuu beeksisee ture.

Ibsi sanaan booda Garee obbo Geetaachoo Raddaan durfamu irraa kaleessa Fulbaana 18, 2024 baaheen ammoo gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu bulchiinsa yeroo naannichaa irratti “fonqolcha mootummaa raawwachuuf karoorse jechuun himate.

Obbo Geetaachoo Raddaa fa’a ibsa isaaniin, ”gareen ofii isaatiif seera qabeessummaa hin qabne dhaabbata naannichaa kamiyyuu irratti tarkaanfii tokkollee fudhachuu hin danda’u. Garee bu’uura siyaasaa fi fudhatama hin qabne ta’uu ibsuu barbaanna,” jedhan.

Itti dabaluun, “bulchiinsi yeroo Tigraay gareen seeraan alaa kun seeraa fi sirna cabsuu akka itti fufu hayyamuu hin qabu,” jedhan.

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu kora 14ffaa baatii tokkoon dura magaalaa Maqaleetti gaggeesseen Dabratsiyoon Gabramikaa’el dura taa’aa gochuun filachuu ni yaadatama.

Korri erga gaggeeffame guyyoota muraasa booda gareen Dabratsiyoon hoggantoota paartichaa duraanii bulchiinsa yeroo naannichaa keessa jiran maqaa paartichaatin sochi tokkollee akka hin goone dhorkeera.

Gareen ABUT kora kana irratti hin hirmaanne fi Geetaachoo Raddaatin durfamu ibsa kaleessa baaseen, garee Dabratsiyoon Gabramikaa’el “caasaa bulchiinsa yeroo naannichaa diiguudhaan Tigraayiin wiirtuu jeequmsaa taasisuuf hojjechaa jira,” jechuun himateera.

Gareen Dabratsiyoon “injifannoo uummanni naannichaa aarsaa kaffalee fide balaadhaaf saaxilaa jira” kan jedhe ibsi kun, haasawaa tibbana dura taa’aan ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’el miidiyaa tokkorra dhiyaatanii taasisan qeeqeera.

Dabratsiyoon miidiyaa ‘Horaayizan’ jedhamu irratti dhiyaatanii “waraana Tigraay keessatti uummata miiliyoona tokko dhumeera kan jedhamu qorannoo irratti kan hin hundoofne fi ragaa kan hin qabnedha,” jedhanii turan.

Gareen Geetaachoo ibsa isaatin, Dabratsiyoon Gabramikaa’el “duguuggaa sanyii Tigraay keessatti raawwatameef haqaa fi itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u qabsaa’uu dhiisee duguuggaa sanyii tapha lakkoofsaa gochuun qabsoo, wareegama fi miidhaa dargaggoota Tigraay xiqqeesse” jechuun komateera.

“Dhimmi kun akka dogoggora salphaatti bira darbamuu hin danda’u, yakka duguuggaa sanyii raawwatame haaluu ta’uun isaa beekamu qaba” jedhe.

Erga yeroo dhiyoo asii hoggantoonni olaanoo Adda Bilisummaa Uummata Tigraay lamatti qoodamuun walhimachaa jiraachuu ni beekama.

Jalqaba torban kanaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin kan durfamu Adda Bilisummaa Uummata Tigraay itti aanaa paartichaa kan turan Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii 16 paartichaa irraa ari’uu beeksiseera.

Paartichi, “namoonni kunneen aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa bakka bu’ummaa paartichaan argatan fayyadamuufi karaa seeraan ala maallaqa ramadanii paarticha diiguuf hojjechaa jiru,” jechuun gareen Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu himatee ture.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *