Obbo Geetaachoo Raddaa kora TPLF ammaa fudhatama hin qabu jedhe

Obbo Geetaachoo Raddaa kora TPLF tibbanaa fudhatama hin qabu jedhe

Hoggantoonni TPLF wal irratti ibsa baasuuf wal himachuu jabessaniiru. Torban darbe gareen Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el durfamu kora gaggeessaa tureera. Kora sanaanis paartii TPLF keessatti diinni wal horaa akka jiruuf haala hammaataa keessa jiraachuu paartichaa ibsee ture.

Gabaasa har’a arganneen ammoo gareen obbo Geetaachoo Raddaan durfamu kora taa’uun ibsa baasee jira. Ibaa isaa kanaanis kora torbe TPLF’n darbe adeemsifamaa ture fudhatama akka hin qabne akeeke.

Korri Dura Taa’aa Itti Aanaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) fi Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaan waamame, kanaan dhimmoota hedduun kaafamanii mari’atamuudha kan eerame

Gareen obbo Geetaachoo akka jedhetti “Korri TPLF faayidaa garee tokkoof yaadamee gaggeeffamaa jiru balaa guddaa kan qabuufi gocha seeraan alaa namni hunduu dura dhaabbachuu qabuudha. Dhaaba fi ummata keenyaafis balaa ta’aa jira. Kanaaf murteen korri sun dabarsu fudhatama hin qabu,” jechuun kora torban darbe gaggeeffame kan Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el hogganamaa ture balaa qabaachuu ibse

Ibsichi itti dabaluudhaan, “garee kun yaa’ii seeraan alaa kanaan miidhaa gahu kamiifuu ni gaafatama” jechuun akeekkachiiseera.

Yaa’iin Pirezidaant Geetaachoon durfame kun ibsa baase keessatti, Waliigaltee Nagaa Piritooriyaaf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneesseera. Kana malees, naannichatti mootummaa uummataan filatame hanga hundaa’utti mootummaa yeroo naannichaa amma jiru kan deeggaru ta’uu ibseera.

Akkasumas, kora TPLF taa’amaa jiru “seeraan ala fi dantaa murna tokkoof kan yaadame” jechuun qeeqeera. Dhaabicha baraaruuf kutannoo akka qabuus ibseera.

Korri TPLF 14ffaan Hagayya 13, 2024 irraa eegalee hoggansa Dura Taa’aa dhaabichaa Dabratsiyoon G/Mikaa’el (PhD) jalatti adeemsifamaa jira.

Korri kun Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay fi Dura Taa’aa Itti Aanaa TPLF Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensonni Koree Giddugaleessaa 14’n lagatamee falmisiisaa ta’uus gaggeeffamuu itti fufeera.

TPLF ibsa har’a ganama baaseen, korri gaggeeffamaa jiru kun murteewwan garagaraa dabarsuun waaree booda kan xumuramu ta’uu ibseera. Bulchiinsa yeroo naannichaa kan hogganan obbo Geetaachoon qaamolee kora kana gaggeessaa jiran fonqolcha gaggeessuu yaalu jechuunis sodaa qabu himateera.

Share this on: