Obbo Geetaachoon walga’ii isaan hin beekne akka hin adeemsifamne gaafatan

Obbo Geetaachoo Raddaa beekamtii isaaniin ala Tigraay keessatti caasaan mootummaa walga’ii akka hin gaggeessine xalayaan akeekkachiise

Naannoo Tigraay keessatti dhibdeen obbo Geetaachoo Raddaa gidduu jabaataa dhufuun nii himama. Dhibdee hogganoota lamaa gidduu tureen paartiin TPLF lamatti wal qoodee yaa’ii wal irratti gaggeessaa tureera.

Gabaasa argameen Caasaaleen mootummaa naannochaa yoo walga’ii gaggeessuu barbaadan dursanii waajjira pirezidantii waliin dubbachuun ”waliigalteerra ga’uu”akka qaban hubachiisan.

Obbo Geetaachoon hubachiisa kana kan kennan Kibxata kaleessaa, Hagayya 20, 2024. Hubachiisa kanas godinaalee, aanaalee, magaalota, kutaalee magaalaa fi manneen maree aanaaleef xalayaan erguun beeksisan.

Korri TPLF kan hooggantoota gidduutti qoqqoodinsa uume fi Obbo Geetaachoo dabalatee miseensota koree giddugaleessaa kaan aangoorraa gaggeesse erga xumuramee boodadha xalayaan kun kan barreeffame.

Dhimmoonni bulchiinsi yeroo naannochaa dursa kennuun irratti hojjetu akka jiranis eera xalayaan kun.

Waliigalteen Piriitooriyaa waraanni kaaba Itoophiyaa akka goolabamu taasise erga mallatteeffamee booda kan hundaa’e bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ”hojiiwwan hedduu hojjechaa akka jiru” Obbo Geetaachoon xalayaa barreessan keessatti eeraniiru.

”Hojiiwwan hafan raawwachuufis” qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsan.

Obbo Geetaachoo hojiiwwan tibba gannaa raawwachuuf karoorfaman ”kanneen akka ittisaa fi wal’aansa dhibee koleeraa, dhimma namoota qe’eerraa buqqa’anii fi bulchiinsa waloo deebisuu, baajata cufuu fi raggaasisuu , karoora 2017 qopheessuu fi hojiiwwan biroo,” eeran.

”Karoora kunneen cinaatti dhiisuun walga’iin gaggeeffamu kamiyyuu karoora bulchiinsa yeroo kan gufachiisu ta’uu,” kan ibsan Obbo Geetaachoon, waan kana ta’eef walga’iin kamiyyuu beekamtiisaanii malee akka hin gaggeeffamne akeekkachiisaniiru.

Caasaaleen bulchiinsa yeroo naannochaa walga’ii gaggeessuu yoo barbaadan, waajjira pirezidantii bulchiinsa yeroo waliin waliigalanii gaggeessuu danda’u jedhan.

”Kanaan ala walga’iin waamamu kamiyyuu fudhatama hin qabu,” jedhan.

Qindeessitoonni kilaastaraa fi biirooleen naannochaa hordoffii akka taasisan hubachiisaniiru.

Share this on: