Oolmaa Traamp Guurrachotaaf

Doonaald Tiraamp: ‘Abrahaam Liinkanitti aansee guraachotaaf oolmaa guddaa kan oole ana’

Abrahaam Liinkanitti aansee gurraachota Ameerikaaf waan gaarii kan dalage ana jedhan Pirezedaant Doonaald Tiraamp.

“Mee kan akka koo gurraachotaaf carraa hojii uume, yakka irratti hirmaannaa isaanii kan xiqqeesse, hiyyummaa isaanii kan hir’iseef eenyudha?” jechuun ofii gaafatanii ofiin deebisu Tiraamp.

Ofii, Tiraamp dhuguma gurraachotaaf oolmaa guddaa oolanii? Gurraachota ilaalchisuun kan dubbatan hagam dhugaadha?

BBC’n haasawa isaanii sakatta’eera.

  1. Hoji dhabdummaan gurraachota Ameerikaa xiqqaateeraa?

Akka ragaaleen mul’isanitti, hoji dhabdummaan gurraachota Ameerikaa %16.7 ga’ee ture. Sun ammoo 2010 as lakkoofsa isa guddaadha.

Ta’us lakkoofsichi hagas kan ga’e dhiibbaa koroonaavaayirasiin dinagdee irraan ga’eenidha.

Vaayirasichi erga weeraruu eegalee as kan akka lammiilee gurraacha Ameerikaa dingadeen miidhame hin jiru.

Sanyiiwwan biroo waliin yoo madaalamu lakkoofsi hoji-dhabdummaa isaanii harka lama guddata.

Fulbaana darberra lakkoofsi kun %5.5’tti gadi bu’ee akka ture kan haalamu miti.

Abbaan taayitaa istaatistiiksii biyyattii hanga hoji-dhabdummaa ji’a ji’aan ifa gochuu erga eegalee 1970 as isa gadi aanaa ture.

Osoo koroonaavaayiras hin dhufiin dura dhuguma lakkoofsi hoji-dhabdootaa xiqqaachaa dhufee ture. Sun kan eegale garuu bulchiinsa Obaamaa irraa kaaseetu.

Obaamaan angoorra baroota itti turan 2009 hanga 2017’tti lakkoofsi namoota hojii hin qabnee %12.6 irraa %7.5’tti gadi bu’ee ture. Kanaafuu, galanni inumayyuu Baaraak Obaamaaf mala.

Bulchiinsa Tiraampiin kaffaltii irratti oliif gadiin uumamaa ture.

Fakkeenyaaf, galiin gurraachotaa kan warra adiin wal-bira yoo qabamu, %60 kan xiqqaatudha. Kunis bara Tiraampitti itti hammaachaa dhufe.

2. Bara Tiraampitti gurraachotarraa hiyyummaan salphatee turee?

2018’tti hangi hiyyummaa gurraachotaa %20.8 ga’ee ture. Kunis erga hiyyummaan safaramuu eegalee 1960 as isa gadi aanaadha.

Kana jechuun gurraachonni miiliyoona 8.9 ta’an hiyyummaa keessa akka jiran lakkoofsa agarsiisudha.

Kanarratti garuu akkaataa Ameerikaan hiyyummaa itti safartu hubachuun mishaadha.

Ameerikaatti galiin maatii tokkoo baasii wantoota bu’uuraaf barbaachisuu gadi taanaan, Biiroon Istaatistiiksii biyyaattii, maatii sanaan hiyyeessadha jedhee galmeessa.

Hiyyummaan maatii gurraachotaa xiqqaachaa kan dhufes baruma Obaamaa ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

3. Hirmaannaan yakkaa Ameerikaanota gurraachaa bara Tiraampitti xiqqaatee?

Gaaffii kana deebisuun ulfaataadha.

Biiroon Qorannoo Federaalaa ‘FBI’ raawwii yakkaa bakka itti galmeessu qaba. Ta’us galmeen sun sanyiin qoodee waan hin keenyeef, wal-bira qabanii madaaluun rakkisaadha.

Bara Doonaaldi Tiraampitti garuu, haala waliigalaan yakkoonni gurguddoon guutuu biyyattiitti raawwatamaa turan hir’ataniiru jechuun ni danda’ama.

Ameerikaatti yakkoonni hammaataan kan itti raawwataman baroota 1990 keessa ture.

Namoonni gurraachi yakkaan shakkamuun to’annoo jela oolan bara Tiraampitti lakkoofsi xiqqaachaa dhufuu hubachuun ni danda’ama.

2018’tti Biiroon Qorannoo Federaalaa ragaan baase tokko akka mul’isutti, lammiileen Ameerikaa gurraachonni 2,115,381 yakka wayii raawwataniittu jedhamuun shakkamanii to’annoo jela ooluu isaanii mul’isa.

Share this on: