Oromiyaa keessatti waraanni akka itti fufu haasaan obbo Shimallis akeeke

Oromiyaa keessatti waraanni akka itti fufu obbo Shimallis Abdiisaa himan.

ODM: Adooleessa 22,2024

Peresedaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa naannicha keessatti ammallee mootummaan haleellaa akka itti fufu himan.

Kanas kan jedhan yaa’ii idilee caffeen Oromiyaa Dilbataa eegalee Adaamaatti taa’aa jiru irratti yoo ta’u; haasaa isaanii kanaan waraanni Oromiyaa keessaa itti fufuu isaa akeekaniiru.

Akka Pirezidaantichi jedhanitti Dararaa fi miidhamaa sababa nageenyaatiin goleewwan Oromiyaa adda addaa keessatti gahaa turee fi jiruufis qaamolee hidhatanii socho’an himatan.

Loltoonni mootummaa yakka waraanaa raawwachuu isaanii waan kaasan kan hin qabne obbo Shimallis rakkoo Oromiyaa keessaa WBO akka sababaatti dhiyeessan.

“ABO Shaneen waggoota darban kana Uummata Oromoo irratti waan sukaneessaa fi qaanessaa raawwateera. Humni kuni Ambulaansii Gubaa ture. haadholii Oromoo baadiyaa keessa jiran ijoolleeshii nyaachisuu qofa osoo hin taane gumbiishii hir’isee ba’aa itti ta’e” jedhan.

Akkasuma dubbii isaanii kanaan “Humni hidhate kuni Oromoon bu’aa qabsoo isaa akka hin dhandhamne qe’ee Oromiyaa jeequun Ummata keenyatti madaa mogolee ta’eera” jechuun dubbatan.

“Humni kuni qe’ee Oromoo qe’ee dhiigni irratti dhangala’u godhee salphina hedduu keessa nugalche. Humna misoomni akka hin hojjetamne taasisu.Humna uummata dukkana keessatti hambisu” jechuun irraa dubbatan.

Hidhattoonni kunneen kutaalee Oromiyaa adda addaatti uummata hidhannoo hiikkachiisa kan jedhan Obbo Shimallis, kanaanis uummata saaxilamummaa biraaf oolchaa akka jiru eeran.

“Humni kuni uummata keenya hiikkachiisa. Sodaa itti naqa. Humni Finxaaleyyiimmoo dhufee uummata harka duwwaa jiru ajjeesaa bahe. Shaneen galgala hiikkachiisee haala mijeessa, Finxaaleyyiin ammoo ganama dhufanii ajjeesu. Uummanni keenya kana keessa bahe” jedhan.

Bakka kanattis sababa haleellaa Faannoo taasisuun kan dhiyeessan peresedaantichi Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu yaada isaaniin ibsu. Namooti seeraa akkasuma kanneen hawwaasatti dhiyoo ta’aniif namootni siyaasaa ammoo mootummaan eegicha barbaachisu uummataa taasisuu dhabuun Faannoon akka qe’eetti Oromoo ajjeesee qabeenya isaa mancaasu taasiseera jechuun qeequ.

Kana irratti peresedaantichi waan dubbatan qabaachuu baatanis duuchaa dhumatti gaaga’ama Oromiyaa keessaa maraaf WBO akka sababaatti dhiyeessan. Mootummaan isaanii furmaata nagaa barbaaduu dhabuun rakkinicha dheeressuu isaa dubbii isaanii kanaan waan yaadatan hin fakkaatan.

Waggoota darban kanatti “Humna Abaarsaa kanatu nutti gale” kan jedhan Pirezedaantichi, humni Shanee kuni gaafa Finxaaleyyiin naannoo keenya seenee uummata ajjeesu “Isaan hin du’an jedhee jalaa dheessa” jechuunis qeeqan.

Badiin sababa rakkoo nageenyaatiif uummata Oromoo irra gahaa jiru waan sabichaaf malu akka hin taanee fi kaffaltiin qabsoo sabichaa silaa misooma ta’uu male jedhan.

“Humni hidhatee bariisaa injifannootti dararaa uummataa itti fufsiisuu kaayyeffate kuni naannicha keessaa buqqifamuu qaba” kan jedhan Obbo Shimallis, mootummaan akkuma duras jecha ture filannoo karaa nagaatiif qophii ta’uu ammoo caqasu.

Haasaa wal dhahaa akkuma kana duraa dubbataa turan irra kan deebi’an obbo Shimallis waraanaan akka itti fufan ibsaa gadi siqanii ammoo nagaan rakkoo furuu yaada jedhus kaasu.

“Mootummaan humna badii kana hunda hojjete nagaadhaan simatee nagaadhaan galchee deebisee ijaaruuf qophaa’aadha. Kuni ibsa qofaan miti. Marii nageenyaa Taanzaaaniyaa qopheessuuf tarkaanfii mootummaan fudhate kan uummanni beekudha” jedhan obbo Shimallis.

Kun garuu dhugaas akka hin taane kanneen gama WBO irraa yaada dhimma san irratti kaasan ragaa bahu. Inumaa ejjennoo nagaa WBO’n qabatee marichatti hirmaate Ameerikaan yeros ajaa’ibsifataa turte.

“Garicha keessaa karaan nuti qabanne sirrii miti karaa nagaatu nubaasa kan jedhan kumaatamootan marsaa sadiin galanii, leenjii fudhatanii uummatatti makamanii jiru. Isa kanaaf mootummaan dinqisiifannaa olaanaa qaba. Galatoomaa jennaan” jedhan. Kun garuu erga hogganni ABO Eertiraa galee as gowwomsaawwan hedduu ABO fi WBO mudatan xuxuquu ta’a. Inumaa kanneen karaa nagaa filatan erga qe’ee galanii adamfamanii ajjeefamu kan jedhu gabaasa uummatni hedduuf namooti siyaasaa dhiyeessanidha.

Mootummaa irraa amanamummaa dhabuu WBO keessaa inni olaanaan Waraana karaa nagaa gale summiif rasaasaan ajjeesu akka ta’etti himama. Obbo Shimallis faallaa kanaa mootummaan kanneen nagaan gara manaatti galaniif qabiinsa gaarii taasisuu eeran

“Qe’ee Oromoo salphinaa fi badii hin taane irraa hambisuuf ammas kabajamaa caffee kana duratti kabaja olaanadhaan waamicha keenya dhiheessina. Warra karaa nagaatin galuu barbaadaniif mootummaa keenya qophaa’adha” jedhan. Waamichi akkanaa garuu nagaa barbaadamu kan argamsiisu osoo hin taane inumaa qoccollaaf tuffii fakkaata. Kun ammoo waraanni naannichaa ammallee irra deddeebiin akka itti fufu ulaa kan banu malee furmaata kan barbaadu miti jedhu namooti.

Qophii filannoo nagaa mootummaan qabu agarsiisuufis “Daandii Kiloomeetira 1000 yoo ta’e mootummaan kiiloomeetira 999 fuulduratti deemnee simachuuf qophiidha” jedhan.

Walumaa gala dubbiin peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa abidda qabatee jiru ittuu banbansuun ala furmaata uummatni eegu san kan hin argamsiifne ta’u dubbii isaaniirraa hubatama.

Share this on: