Oromiyaa kutaalee adda addaatti Faannoo hawwaasa irraan dararaa geessisu itti fufe

Humnoonni Faannoo weerara naannoo Oromiyaa keessatti gaggeessan hammeessanii jiraachuu gabaasan bahe mul’ise.

Faannoon sochii Oromiyaa keessatti taasisaa jiran kan lubbuu lammiikee gaaga’u jabeessanii jiru. Humnoonni ilma namaa waan Oromoo ta’e qofaaf ajjeesan kunneen tibbana Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti haleellaa uummata irratti raawwataniin namoota afur yoo ajjeesan, namoonni afur ta’an immoo madaa’uu maddeen odeeffannoo himaniiru.

Guyyaa har’aa jechuun Hagayya 07, 2024 uummanni gandoota baadiyyaa loomicaa, Caruu, Gaareroo fi Hoomaa Gaalessaa irraa ka’uun konkolaataa ISUZU lamaan Magaalaa Tulluu Waayyuu gabaa deemaa osoo jiraniiti kan haleellaan kun irratti baname.

Taayyee Galataafi Barsiisaa Baacaa namoota madaa’an keessaa kan maqaan arganneedha.Kanneen madaa’an hospitaalli Dongoroo humna isaan ol taanaan gara hospitaala Shaambutti refer taasifamaniiru jedhame.

Haleellaan kun ganda Gaareroo iddoo addaa Coqorsa jedhamu kan magaalaa Tulluu Waayyuu irraa 6km qofa fagaattu irratti taasifame.

Baay’inni nama du’ees ta’e madaa’ee dabaluu akka danda’u maddi odeeffannoo kun himee jira.

Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka haleellaan kun itti raawwate irraa 3km fagaatanii ganda Goortee jedhamu buufatanii osoo jiranii uummata nagaa ittisuuf yaalii taasisan hin qaban jechuun hawwaasni komateera

Oduma wal fakkaatuun Godina Salaalee Aanaa Dharraatti kaleessaa humnoonni finxaaleyyii konkolaataa dhiyeenya aanichaaf kenname gubuu jiraattonni himan.

Hidhata Faannoo waliin qabaachuu kan himamu caasaaleen mootummaa naannichaa, badiiwwan Faannoon geessisaa jiru keessaa harka qabaachuu isaanii keessa beektonni himu.

Guyyaa Afur dura Faannoon Wallagga Bahaa Magaalaa Angar Guuteetti dhiyoo kan jirtu Mandara 10 bakka jedhamutti namoota hedduu butee maallaqa gaafachaa turuu isaas gabaasni arganne ifa taasisa.

Loltoonni Faannoo sochii taasiaa jiran cimsanii jirachuu, dararaa geessisuu hammeessaa akka jiran eerameera.

Share this on: