Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti WBO loltoota mootummaa booji’aa jiraachuun eerame.

Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti WBO loltoota mootummaa booji’aa jiraachuun eerame.

Torban kana keessaa lolli guddaan waraana bilisummaa Oromoo fi loltoota mootummaa gidduutti adeemaa jiraachuu hawwaasni hime. Lola kanaan waraanni mootummaa miidhama ulfaataaf saaxilamuu gabaafame. Bakkeewwan waraana guddaan gaggeeffamuun barame keessaa: Wallagga Lixaa Laaloo Assaabii bakka Killeey jedhamu, Wallagga Lixaa aanaa Sayyoo Noolee Dabbasoo bakka addaa Qoree jedhamutti, Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaa fi aanaa Sibuu Siree , Wallagga Bahaa Naqamte naannoo laga Lakkuu,Kibba Oromiyaa Gooroo Doolaa ganda Gooroo Dararaa, Giddu Gala Oromiyaa fi bakkeewwan hedduu ta’uu himamee jira.

Vidiyoowwan wayiita lolli adeemsifamu agarsiisan marsaa miidiyaa hawwaasaan qoodamaa jira. Loltoonni mootummaa Konkolaataa tokko bakka tokkotti osoo haleelamanii dhumanii kan agarsiisu vidiyoon waraabamee qoodame, kasaara guddoo loltoota mootummaarra gahe saaxileera.

Kana malees waraanni mootummaa hedduun booji’amanii jiran. Suuraalee fi vidiyoowwan booji’amaa waraana mootummaa agarsiisu marsaa miidiyaa hawwaasaan qoodamaa jira.

Kana malees osoo Kaambiin waraanaa gubatu kan agarsuusu marsaa miidiyaa hawwaasaan tamsaafameera. Lola gidduu kana adeemaa jiruun yoo xiqqaate bakkeewwan addaa addaarraatti idaa’amaan waraanni dhibbootaan lakkaa’aman mootummaa irraa ajjeefamuu himama.

Kun ta’ee miidiyaaleen mootummaa gabaasa sobaa qindaa’aa ta’e waa’ee harka kennachuuf booji’amuu WBO gabaasuutti ko’ommataniiru. Namooti uffata waraanaa hin qabne kanneen hawwaasa nagaa ta’uun isaan beekamu akka waan WBO ta’eetti as baasuun miidiyaan balballoomsaa jiran.

Haalli kun saganteeffamee kan deemaa jiru kan fakkaatu aanaalee WBO’n keessa socho’aa turerraa namoota nagaa qabanii hidhan uffata waraanaa humna addaa Oromiyaa itti hidhuun TV’n haasofsiisuu jabeessaniiru.

Share this on: