Oromiyaa Lixaatti dhukkubni Busaa akkaan babal’achuun lubbuu namootaa galaafachaa jira.
Oromiyaa Lixaatti dhukkubni Busaa akkaan babal’achuun lubbuu namootaa galaafachaa jira.
Dhukkubni Busaa bara kana bakkeewwan hedduutti babal’achuun madda yaaddoo hawwaasa bal’aa ta’aa jira. Akka maddeen odeeffannoo jedhanitti weerarri dhukkuba Busaa lixa Oromiyaa godina Wallagga Bahaa, Lixaa fi kaan keessatti tatamsa’ee jira.
Dhibee kanaan qonnaan bultoonni hedduun miidhamaa akka jiran gabaafame. Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa, hospitaala Giddaa Ayyaanaatti namoonni dhibee busaan qabamanii refer’n deeman hanga hospitaalichi keessummeessuu danda’uun ol ta’uu himameera.
Dhukkubni kun tohannaa ala kan isa taasisaa jiru ammoo qoricha gahaa dhiyeessuu dhabuu mootummaa komii kan kaasan uummatni, rakkoo amma dhukkuba kanaan dhufaa jiruun lubbuun lammiilee darbaa akka jiru barame.
Hospitaala Giddaa Ayyaanaatti torbanuma kana keessa namoota dhibee busaan qabamanii achi seenan keessaa namoonni sagal lubbuun darbuu isaanii mirkanaa’ee jira.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo Limmuu keessattis dhibeen Busaa yaaddessaa ta’eera akka maddeen gabaasa keenya hubachiisanitti.
Buufanni fayyaa Aanaa Haroo Limmuu namoota dhibee busaan qabaman guyyaatti 3000-5000 keessummeessaa jiraachuu kan himan maddeen naannichaa, kanneen dhibeen isaanii hammaataa ta’e gara hospitaala Giddaa Ayyaanaatti refer taasisaa jiraachuu himan.
Haata’u malee, geejjibni waan hin jirreef magaalaa Haroo Limmuu irraa gara Hospitaala Giddaa Ayyaanaa deemanii yaalamuuf bajaajiif qarshii kuma tokko kaffalanii deemaa jiru jedhame.
Dhukkubsattoonni hedduun sababa hanqina geejjibaa irraan kan ka’e yaalaa osoo hin argatiin ciisanii du’aa jiraachuufi du’a eeggachaa jiraachuu jiraattonniifi ogeeyyiin fayyaa himaniiru.
Buufataleen fayyaa Aanaa Haroo Limmuu keessaa gandoota baadiyyaa Hoomii Kalaalaa fi Bariisoo qoricha waan hin qabneef tajaajila kennuu hin dandeenye jedhame.
Namoota dhibeen isaanii hammaataa ta’eef qorichi Artisuunet jedhamu lilmeen kennamu guutummaatti buufataalee fayyaa keessa waan hin jirreef uummanni ciisee du’aa jira jedhame.
Sababa kanaaf kanneen gara hospitaala Giddaa Ayyaanaa deemuu dadhaban du’aa jiraachuu maddeen himaniiru. Gama biraan sababa rakkoo nageenyaan uummanni baadiyyaa irraa gara magaalaa deemee yaalaa argachuuf ni rakkata kan jedhan, qorichas gara gandoota baadiyyaa geessuun hin danda’amu jedhame.
Aanaa Haroo Limmuu kan naannoo Beenishaangul Gumuzii fi naannoo gammoojjii bal’aan wal daangessu keessatti weerarri kun akka malee ulfaachuun lubbuun namoota heedduu gaaga’amuu kan himan maddeen, dhalattoonni naannichaa uummata keenyaaf dawaa binnee lubbuu haa baraarru jechuun waamichaafi birmannaa taasisaa jiru.
Hospitaalli Giddaa Ayyaanaa iddoo dhukkubsataan ciisee yaalamu wal hanqachuun dhukkubsataan ala ciisaa jiraachuu kan himan maddeen, dhiyeessiin qorichaas waan hin jirreef yaala barbaachisu argachaa hin jiran jedhame.
Gama kaaniin waraanni mootummaa qorichi baadiyyaatti akka hin geejibamne taasisuun, maqaa WBO’f geessitu jedhuun dhiyeessii qorichaa uummatarraa kutuu gabaasichatu ibse. Kana keessatti uummatni qoricha lilmeen kennamu hanga 350 bitataa jiraachuu eerame. Bakki ciisichaa dhibee uummati siree tokkorra lamaan akkasuma mana isaatii firaashii qabatee gara mana yaalaa deemaa akka jiru barameera.