Oromoon Salaalee Waanjoon of camade daandiitti bahe
Gidiraan Oromoo irra gahu yoom haa dhabbatu?
Biyya lafaa irratti rakkinaaf gidiraa keessummeessuun haaraa ta’uu baatus akkaataan furmaata rakkina sanaaf itti laatan garuu adda adda. Rakkoon waraanaa biyya kamuu mudachuu, uummata kamuu quunnamuun waanuma jirudha. Waraana san keessaa bahuun, gidiraa san damdamachuunis akkasuma irraa jala waan raawwatu ture.
Akkuma kana weerara dhukkubaaf saaxilamuunis numa jira. Jaarraa har’aa keessatti garuu dhukkuba tohatamuun danda’u tohannaan ala baahuun hawwaasni akka gaaga’amu gochuun daba
Har’a Oromoon greenwood gidiraa keessatti kufeera. Cinaachi isaa karaa tokkoon waraanaan yoo nyaatamu karaa biraammoo weerarri dhukkuba gadachaa jira. Inumaa miidhamaawwan ulfaataa hawwaasni Oromoo baadiyyaa keessummeessaa jiru ija hawwaasa isaa jalaa waan dhokate fakkaata.
Waggoota sadii oliif uummatni Oromoo Lixa Oromiyaa weerara dhukkuba busaa jala jira. Dhukkubni Busaa hawwaasa Oromoo Begii, Qondaalaa fi kaan akka malee haxaa’ee lafarraa dhabamsiisaa turee ittis jira.
Dhibee kana tohachuuf damdamachiisuun osoo danda’amuu inumaa waa’ee dhukkuba kanaa ukkaamsuun, Busaan akka jiruyyuu namni akka dubbatu dhorkuu yaaluudhaan saffisaan hawwaasa keessa tamsa’e gara magaalaaleettillee babal’ateera.
Wayiita ammaa guutummaan lixa Oromiyaa weerara balaaf hamaa ta’e dhukkuba busaan wal’aansoo qabaa jira. Lixa Oromiyaa keessaa naannoo dhukkubni kun hin geenye waan jiru miti.
Inumaa baay’ee yaaddeessaaf yaachisaa kan ta’emmoo ammallee xiyyeeffannaan laatamee dhimmichaaf furmaatni barbaadamaa jiru dhabamuu isaati. Mootummaanis callisa filachuu, dhaabbileen fayyaa afaan luugamamuun hawwaasa Oromoo dhukkuba kanaan miidhamaa jiru afaan du’aa keessatti daawwachuu filataniiru.
Saaphana siree raabsuun, keemikaala biifuun waggoottan dura gaggeeffamaa turellee adeemsifamaa hin jiru. Haalli kun babal’ina dhukkubichaa saffisi isaa guyyaarraa gara guyyaatti akka dabalu taasisaa jira.
Aanaaleef gandoota baadiyyaa keessatti buufataaleen fayyaa qoricha hin qabnu jechuun, hawwaasni fagoo deemee yaalamuuf hanqina maallaqaa isa mudatuun miidhamni hangana hin jedhamne gahaa jira.
Oromoof Oromiyaan dhukkuba busaa jalatti dagatamuun gidiraan hammeenyaa irratti raawwataa jira.
Kun kana ta’ee ammallee jilbi waraanaan laaffate deebi’ee akka jabaatu taasisuun hafee balaaf gaaga’amni waraanaa naannicha keessatti raawwatu itti fufaa ta’eera. Qiyaamaa waraanaa mootummaa Itoophiyaan hawwaasarra dhaqqabu, rasaasa waraana mootummaa irraa dhukaafamuun ilma Oromoo fi intalli Oromoo ajjeefamuun ittuma fufe. Kun yoom haa dhaabbatu, yoom furmaata haa argatu?
Guyyaan oolee akka bulu hawwaasni abdiin eeguu itti fufe. Nagaan bor bu’a, iftaan bu’a jedhee osoo eeguu gadadoo waraanaan eelaa jira. Abbaan kabajaa dhabee haati kabajaa dhabde. Ilmoon abbaa jalatti, ajjeefamte. Intalli abbaaf haadha cinatti gudeedamti.
Waan cigasisaan biraan ammoo abbaa warraa osoo ilaaluu haadha warraa gudeedu. Kun gocha waraanni mootummaa raawwatu isa idilee ta’eera. Qotachuu dadhabame. Qotanii gumbii tuuluu osoo hin taane qotanii qoonqoo ofii tiksuunuu ulfaataa jirti.
Waraana bir’ataa, waraana baqataa hojjechuu dadhabame. Sunuu yoo lubbuun jiraatame. Ilmi namaa akka baala bonaa arca’eera. Misoomni Oromiyaa keessatti hojjetamaa ture hundi dhaabbateera. Waggaa 5 as daandii, ijaarsa hospitaalaa fi manneen barnootaa akka jiranitti gufataniiru.
Barataan barnootaarra hin jiru. Baajeta waggaa misoomaaf ramadamu caasaan mootummaa gara waraanaatti naanneessuun uummatni ittiin ajjeefamaa jira.
Balaa kana obsatee kan isaa game uummatni Salaalee akka qoriyyootti waanjoon of hudhee daandiitti baheera. Nagaa dheebochuu lallabe. Nagaa hawwee dhabe san gaafataa jira. Kun ta’ee qaamni uummata dhaga’ellee waan jiru hin fakkaatu. Bakki rakkinaa, bakki gidiraa achuma.
Tibbana waan hawwaasa Oromoo Shawaa Kaabaa Salaalee daandiitti baase kuufamni gidiraa danbali’ee dhangalaanaani. Furmaata hawwee nagaa dheebonnaani. Ta’us ammallee balaa waraanaan dhaqqabaa jiru furmaata argata abdiin jedhu dhabamuun madda yaaddoo biraa ta’ee jira.