Peresedaantiin Naayijeeriyaa uummatni mormii akka dhaabu gaafate

Rakkoo Itoophiyaa mudachuuf jedhuun kan wal fakkaatu Naayijeeriyaatti mormiin balaaleffannaa qaala’iinsa jireenyaa hammaatee jira.Peresedaantii Naayijeeriyaa Bola Tinubu

Gidduu kana Naayijeeriyaa keessatti uummatni kuma dhibbootaan lakkaa’amu daandiitti ba’uun qaala’iinsi jireenyaa humna isaanii ol ta’uu himataa jiran. Nu ga’e, qaala’iinsi jireenyaa nuun ol ta’eera kan jedhu sagalee mormitootaa ture.

Naayijeeriyaan immaammata dinagdee ishee kuffisu kan maallaqa biyyattii rakasiisu erga hojiitti hiiktee qormaatni guddaan qaala’iinsa jireenyaa tohannaa ala taasisu ishee mudachuu himu miidiyaaleen.

Liqii IMF irraa argachuuf akkuma Itoophiyaa ammaa immaammata dinagdee ishee rukutu hojiitti hiiktee boodarra uummatni diddaa akka dhageessisu ta’aa jira. Mormiin uummataa akkaan babal’ataa kan jiru ta’uu miidiyaaleen yoo gabaasan mootummaan hiriirri akka tasgabbaa’u gaafataa jira.

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu Dilbata Kaleessaa mormiin qaala’iinsi jireenyaan wal qabatee gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatu gaafatan. Dhiigni dhangalaa’uun hafee gara furnaatatti deebina kan jedhus yaada Peresedaantichaati.

Hiriira mormii guyyaa jalqabaa Kamisa gaggeeffameen humnoota nageenyaa waliin walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namoonni 13 du’uu Amnesty International beeksiseera.

Poolisiin humna garmalee fayyadamuu kan haale yoo ta’u, hanga Sanbataduraa darbetti namoonni torba du’uu isaanii ibseera, kanneen afur ta’an hiriira kaaba baha Borno keessatti meeshaa dhoo’aa ta’een, lama konkolaataan kan rukutaman yoo ta’u, kan biraa ammoo yeroo mormitoonni suuqii saaman waardiyyaan rasaasaan rukuchuutu eerame.

Tamsaasa televijiiniin Peresedaantii Tinubuun erga mormiin kun jalqabee yeroo duraaf ergaa uummataaf dabarsaniin jeequmsi dhaabbachuu akka qabu yoo gaafatan dhimma uummata daandiitti baase mariin furuuf mootummaan isaanii ayyamamaa ta’uu hubachiisan. Rakkoo uummataas dhugaan akka hubatan dubbatan.

“Kabajamtoota koo Naayijeeriyaa, keessattuu dargaggoota keenya, sagalee guddaan ergaan isinii dabarsu ifatti isin dhaga’eera.” Jechuun motummaan isaanii rakkina uummata mormiif kaase furuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.

Ta’us uummatni haala hammaataan mormiitti seenee jiraachuu kan himan rogeeyyiin miidiyaa sossobbaan uummata obsa fixatee mormii jalqabe qabbaneessuuf akka hin danda’amne himaa jiru.

Rakkoo fakkaataan Itoophiyaa fuula duratti mudachuu akka malu ogeeyyiin dinagdee itti walii galu. Inumaa Naayijeeriyaan Itoophiyaa irra biyya naga qabeettii taatee osoo jirtuu immaammata gabaa sharafa alaa bilisaa kana damdamachuu kan dadhabde, Itoophiyaa waraanaa gatiittiin ishee caccabaa jiru, biyya jeequmsi bakka maraa ishee mudatee jiru qaala’iinsa as deemu damdamachuu dandeessi jechuun nii ulfaata jedhu.

Share this on: