“Qaala’insi hammaate, Zakiyoos haa bu’u” dargaggoota Keeniyaa

Dargaggoonni Keeniyaa Mormii isaanii cimsanii itti fufan!

Dhimma qixinee Gibiraa Keeniyaatti mormii dhalche sadarkaa Wiiliyaam Ruutoo aangoorraa gaggeessuutti adeemaa jira. Dargaggoonni Keeniyaa akkuma baroota darban dhimmoota qaalaa’iinsa jireenyaan wal qabatee hiriira gaggeessaa turan dhimma daballii Gibiraatti dabaluun rakkoo qaalaa’iinsaa furmaata dhabeef guyyaa har’aas mormii jabaatti jiran.

Mormiin mootummaa Keeniyaa mudate kana qabbaneessuuf Wiliyaam Ruutoon wixinee Gibiraa Paarlaamaa biyyattii harka caaluun ragga’e mallatteessuu dhiisus dargaggoonni Keeniyaa yaadni Rootoo quubsaa miti jechuun dhaadannoo “qaalaa’insi nutti cimeera, Zakiyoos aangoorraa haa bu’u” jechuun Wiiliyaam Ruutoo aangoo akka gadhiisu gaafataa jiran.

Mormii torban lamaan darban keessa l geggeeffameen lubbuu namoota 39 darbuu fi dhibbaan lakkaa’aman ammoo madaa’uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa beeksise. Mormii har’aa kanaan isaan lubbuun darban yaadanna kan jedhu sagantaa diddaa dargaggoota Keeniyaa keessaa hangafa.

Hiriirri kun malaammaltummaa bulchiinsa mootummaa keessaa akkasuma maallaqa caasaan mootummaa seeraan ala qisaasessu qaala’iinsa jireenyaaf ulaa bane kan jedhu yaada mormitootaa keessa isa tokka.

Mormii har’aa kanaan magaalaa Mombaasaatti yoo xiqqaate namoonni sadii rasaasaan rukutamuun madaa’uun gabaafameera. Kunis mormitootaaf Foolisii gidduutti ataakaaroo tureen aariirraa kan madde dhukaasa gadhiifameen ta’uu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasan. Taatee kun mormitoota daandii Nyerere irratti daldala dhaabsisanii turaniin aariidhaan kan raawwate ta’uu madda isaa wabeeffachuun marsariitiin the star jedhamu gabaaseera. Namootni rasaasaan rukutaman hospitaala seenuun yaalamaa akka jiranis barameera.

Share this on: