Qarshiin Itoophiyaa dhibbantaa 20 gadi bu’uun qaala’insa jireenyaa hammeessa jedhame
Itoophiyaan qormaata qaala’iinsa jireenya isa hammaataatti adeemuun ammas daballiin sharaf alaa takkaatti dhibbaantaa 20 dabale.
Durumaa biyya jeeqama dinagdee hamaa keessa jirtu, gabaa tasgabbii hin qabneef raafamaa kan jirtu Itoophiyaatti qormaati biraan qaala’iinsa jireenyaa hammaataan dhufuu isaa maddeen himan.
Kunis kaleessa galgala irraa qabee immaammata dinagdee jechuun labsii mootummaan baase bu’uura godhachuun gatii sharafa alaa Baankii biyyattiitti dhibbantaa 20 dabaluu isaa ganama har’aa ifoome. Haalli kun bittaa gabaa keessatti jeequmsa ulfaataaf dhaabbii hin qabne uumuun jireenya hawwaasaa rakkina ulfaataaf saaxila jechuun ogeeyyiin dinagdee waywaachaa jiran.
Baankiin Daldala Itoophiyaa gatii bittaa Doolaraa har’a 74 ifoomsuun booda osoo sa’atii dheeraa hin gahin gara 76 ol guddate. Kun wal jijjiirraa maallaqa Baankii biyyoolessaa Itoophiyaa yoo ta’u karaa gabaa gurraachaa ammoo Doolaarri tokko qarshii Itoophiyaa 140 oliin bitamaa akka jiru maddeen himu.
Haalli kun kufaatii maallaqa Itoophiyaa isa hammaataa akka ta’u sodaatameera. Takkaan maallaqa hangana gadi buusuun raafama gabaa hammaataaf biyyattii saaxila jedhan.
Carraa qarshiin Itoophiyaa barbaadamummaan walakkaan gadi bu’uu bal’ataa akka jiru labsii immaammata mootummaa kaleessa baheen mirkaneesseera.
Wal buusa Sharafa alaa wal qixxeessuuf akka hojjetu mootummaan Itoophiyaa imaammata dinagdee kaleessa baaseen ifoomseera. Mootummaan yaada kana akka gaarii ta’etti dhiyeesse.
Akka ibsa mootummaatti “Walbuusa sharafa alaa sirreessuu fi hanqinaalee madaala kaffaltii ida alaa yeroo dheeraa furuu, hammattoo imammata maallaqaa ammayyeessuun qaala’iinsa gatii hir’isuu, saaxilamummaa idaa furuu fi galii biyya keessaa guddisuun haniqnaalee fedhiiwwan misoomaa biyyaalessaa dandeettii biyyaa keessaa milkeessuuf carraa mijataa kan uumu, hirmaachisummaa, dorgomtummaa fi tasgabbii damee faayinaansii cimsuu fi kenniinsa tajaajilaa mootummaa fooyyessuun, jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, sirna diinagdee cimaa, hirmaachisaa fi waaraa ijaaruun kaayyoo fooyyessa diinagdee ta’uun eerameerra.” Jedha immmaamatichi.
Itti dabalees “Fooyyessiiwwan imaammata diinagdee gooroon, tarkaanfiiwwan imammataa fi faayidaalee biyyaalessaa eegamaniin sirna tilmaama sharafa alaa gabaa bu’uureffate, bitaa fi gurgurtaan sharafa alaa gabaan akka bitamee gurguramu adeemsa taasisuudha.” Jedha
Akkasuma “Walbuusa sharafa alaa kan qajeelchu, shaqaxoota galii fi ba’ii haala qabatamaa gabaa waliin akka walsimu taasisa, madaala kaffaltii kan sirreessuu fi faayidaalee biroo akka qabu” immaammatichaan ibsameera.
“Sirna imaammata maallaqaa tilmaama dhalaa irratti hundaa’ee, fooyyessa imaammata fiiskaalaa, fooyyessa bulchiinsa idaa mootummaa fi carraalee faayinaansii misoomaa fa’aan tarkaanfiiwwan imammataa diinagdee gooroo fi faayidaalee biyyaalessaa eegaman ta’uu eerameera.” Jedha immaammatichi
Poolisii dinagdee haaraa bahe kun kanaan dura gabaa maallaqa alaaf keessaa tohannaa mootummaa jala ture bilisa baaseera.
Mootummaan Itoophiyaa karoora rakkoo Maacrooikoonomii hiikuufi qisaasummaa hir’isuu jedhuun poolisii haaraa baase kana beeksiseera. Poolisin kunis sirna gabaa sharafaa bilisa tahe hordofuu kan jedhuudha.
Akka mootummaan jedhutti sirni sharafa maallaqaa mootummaan toohatamuun isaa diinagdeen akka hin guddanne taasiseera. Kana booda mootummaan gatii birriifi sharafa alaa hin toohatu. Humna gabaatu gatii sharafaa tohata jechaadha. Kun ammoo guyyaa guyyaan akka sharafni alaa dabalu, maallaqni Itoophiyaa kufaa ta’u taasisa jechuun namootni hedduun yaaddoo qaban ibsu.
Liqii of irraa kaffaluu dadhabuun biyyoota sadarkaa qaban keessaa tokko kan taate Itoophiyaan ammas qormaatni biraa dinagdee ishee hubu mudateera jedhu ogeeyyiin dinagdee. Kunis dhimma walii galtee IMF waliin qabdurraa kan maddu ta’uu gabaasonni bahan eeraniiru.
Akka himamaa jirutti walii galtee Liqii fi haaromsaa ta’u qabu irratti jaarmayaa Maallaqaa addunyaa IMF fi Itiyoophiyaa gidduutti falmii yeroo dheeraa godhamaa ture. Mootummaan liqii fandii addunyaa irraa argachuu qofa ilaalee raafama dinagdee daangaa hin taane kan guyya guyyaan akka dabalu taasisu kanatti seene jedhame. IMF liqii biyyattiif gadhiisuuf maallaqa biyyattii qixa gabaa Gurraachaa akka dhaqqabu gaafataa turte. Kun ta’ullee garuu ammas gabaa gurraachaaf Baankii wal madaaluu hin dandeenye
Itiyoophiyaan deeggarsa IMF mirkaneessuuf qarshii ishee kan gabaa seeraan alaa irratti sharafamaa jiru fi isa seera qabeessaan sharafamu harka 50n caalu sana sirreessuu akka qabdu gaafatamtee san mormaa turte. Immaammata Kaleessaa keessatti sharafa maallaqaa wal qixxeessuu kan jedhu yaada dhaabbata Fandii addunyaa san fudhachuu ishee agarsiisuu hin oolle.
Kana bu’eereffachuun Mootummaan Itoophiyaa qaamolee olanaa IMF waliin har’a akka wal argu himamaa jira. Sababa waliigaltee kanaan Doolara biliyoona 13.5 Itophiyaan IMF irraa ni argatti jedhamee abdatama. Kun garuu rakkina biyyattii hiikuu akka hin dandeenye ogeeyyiin dinagdeef rogeeyyiin miidiyaa himaa jiru.
Labsiin kun akka darbeen har’a gatiin sharafaa biyya alaa %30n olkaheera. Doolarrifi maallaqni biyya alaa gatiin isaanii %30n ol kaheera. Gatiin birriimmoo gad buheera. Kun biyyattii qormaata kufaatii dinagdee hamaa akka itti fidu sodaa qaban namootni hedduun himaa jiru.
Kun garuu dinagdee biyyattii addatti iyyeessotaaf namoota jireenya giddu galeessaa jiraatan akkaan kan hubu ta’uu sodaatameera. Labsiin kun darbee guyyaa har’aa Baankii Itoophiyaa sharafa alaa irratti gatii dabaluu akka beeksiseen gatiin Shaqaxaa hedduun dabaleera.