Qe’ee isaatti Oromoo ajjeesuu Faannoon hammeessen

Oromiyaa keessatti Faannoon namoota nagaa ajjeesuu hojii guyyuu taasifate

Ilmaan Oromoo nagaan waan Oromoo ta’an qofaaf adamsamanii loltoota Faannoon ajjeefamaa jiru. Faannoon xiyyeeffannaa isaa ilmaan Oromoo irratti taasisuun namoota nagaa badii tokkoon ala ajjeesuu, qe’eerraa buqqaasuu fi yakka namoomaa guddaa irraan gahuu hammeessee jira.

Gabaasa Keelloon argateen Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaa jiraattota magaala Qotaa kan ta’aan Dargaagoo Caalumaa Dhabasaa fi Jamaal Asaffaa kan jedhaman Ganda Abuuyee jabilaal bakka Gallee jedhamuutti Aanaa Abashgee Magaala Dargeeti osoo gara Magaala Qotaatti galaa jiranii humnoonni Amaaraa ajjeesuu isaanii mirkanaa’eera.

Gocha ajjeechaa raawwataa jiran kana akka dhaaban mootummaan dhiibbaa taasisuu malu irratti taasisuu dhabuun balaan kun akka itti fufiinsa qabaatu taasiseera jedhame.

Oromiyaa keessatti bobba’uudhaan qe’ee Oromoo abiddaan gubanii mancaasuu, qabeenya uummata nagaa Loon dabalatee saamuu fi gidiraa hammeenyaa raawwachuu itti fufuu isaanii kan himu gabaasni nu gahe, hawwaasni Oromoo gama isaa danda’ameen balaa qe’ee isaatti aggamame kana of irraa qolachuu akka qabu dhaamameera.

Share this on: