Qeeqa daandii qubeelaa mootummaan ifoomsu mudate.

‘Daandii qubeelaa’ eegalchiise jechuun tibbana mootummaan naannoo Oromiyaa ijoo miidiyaa kan taasifate qeeqa argate.

ODM: Waxabajji 24,2024

Projektiiwwan guddina biyyaa keessatti gahee qaban hojjechiisaa jiraachuu kan himu mootummaan daandiiwwaniif gamoowwan adda addaa ijaarsisuu, magaalota haaraa hundeessuu irra deddeebiin eera.

Akka ibsa mootummaa Itoophiyaatti pirojektiiwwan guddina biyyaa keessatti gahee mataa isaanii bahatan hojjetaa jiraachuu ibsa. Ta’us qeqxonni fi mormitoonni ammoo yaada mootummaa kana yeroo faallessan mul’ata.

Biyyi tokko biyya taatee jiraattee itti fufuuf nageenyi lammiilee barbaachisa ta’uu kan himan, jalqaba irratti dhimma lammiilee nageenyi isaanii hunkurame bakkatti deebisuun osoo feesisuu mootummaan rakkoo Oromiyaa keessaa sagalee dhowwachuuf yaadota akkanaa balballomsa jechuun qeequ.

Haala kanaan tibbana mootummaan naannoo Oromiyaa pirojectii daandii shaggar kan “Daandii Qubeelaa” jedhu hojjetaa jiraachuu ifoomse.

Projecticha maqaa isaarraa ka’anii kan morman hiika kallattii afaan Ingiliffaa irraa fudhachuun hiika jechaa hawwaasni Oromoo fayyadamaa ture jijjiran kan jedhan yaadicha hanga balballoomaa jiruu gadi ta’uu ibsu. Daandii walmaraa jechuu kan male daandii qubeelaa jechuun hiika gahaa hin laatus kan jedhan qeeqxota.

Kun ta’e garuu deggartootaa fi mootummaan Itoophiyaa ammoo yaada haaraa magaalaa Shaggar keessatti hojjechuu eegaluu balballoomsu. Daandii kunis hojjetamuu eegaluu miidiyaaleen gabaasaa jiran.i

Share this on: