Qondaala mootummaa kan ture obbo Taayyee Danda’aa irratti har’a ragaan funaaname.

Qondaala mootummaa kan ture obbo Taayyee Danda’aa irratti har’a ragaan funaaname.

ODM: Waxabajji 6,2024

Manni murtii ragaa Obbo Taayyee Danda’aa irratti dhiyaate guyyaa gar’aa dhagahu miidiyaaleen gabaasan. Akka kanaan Manni murtii federaalaa olaanaa ministeera deetaa ministeera nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aarratti ragoolee abbaan alangaa dhiyeesse lamaa dhagahee jira.

Himata yakka heeraa biyyattii cabsuutiin himameen walqabatee himata banameef yeroo deebii kenneetti, Obbo Taayyeen “barreefamni ani barreeesse piroopaagandaa miti. Yakkas hin raawwanne,” jechuun deebii laateera.

Namooni ragaa lameen abbaa alangaa qopheesse Obbo Taayyeerratti ragaa bahaniiru. Manni murtii ragaa erga dhaggeeffatee booda murtii kennuuf beellama Waxabajjii 18, 2016 akka lakkoofsa Itoophiyaa tti kenneera.

Abbaan alangaa himata garee farra nageenyaafi shorokeessitoota deeggaruu jedhu, dubbii piroopaagaandaakaraa miidiyaa hawaasaatiin tamsaasuutiin Obbo Taayyee himateera.

Kana malees, Obbo Taayyeen meeshaa waraanaa eeyyama seeeraa hin qabne qabamee argamuunis kan himatame ta’uu barameera.

Taayyee Danda’aa qondaalota olaanaa mootummaa keessaa tokko kan ture yoo ta’u, fuula miidiyaa hawwaasaan waggootaaf walitti fufiinsaan siyaasa paartii PP waan jabeessuu danda’u katabaa tureera. Booda kana garuu waraanni Oromiyaa keessaa mariin akka dhumuu qabu gaafataa ture. Kunis adeemsa keessa itti jabaachuun sadarkaa hidhamuutti isa geessuu danda’eera.

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna! Madda odeefannoo hawwaasatti dhiyoo!

Share this on: