Qondaalonni mootummaa uummata qofa osoo hin taane mootummaa isaanii illee saamichaan kassarsaa jiraachuun saaxilame

Qondaalonni mootummaa uummata qofa osoo hin taane mootummaa isaanii illee saamichaan kassarsaa jiraachuun saaxilame

ODM: Waxabajji 4,2024

Bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa ammaa yakka malaanmaltummaan mancaa’aa jiraachuu ragaaleen bahan saaxilaa jiran.

Oromiyaa kutaalee hedduu keessaa kan dhagaa’amu uummatni kaffaltiin maqaa garaa garaa dhahatee guyyaa guyyaan akka itti dhufu himata. Inumaa deggarsa raayyaa ittisa biyyaa, suphaa daandii, mana qopheessaa, gibira, qaraxaa, fi kan kana fakkaatan kaffaltiin nagahe hin qabne bulchiinsa PP ammaa keessatti dagagaa akka jiru himame.

Akka OBN qophii Cayaa guyyaa har’aa magaalaa Gadab Hasaasaa irratti xiyyeeffate hojjetetti egereen bulchiinsa PP itti aanu yaaddoo olaanaa uummataafis ta’e mootummaa mataasaaf akka ta’e saaxila.

Kaffaltiiwwan maalummaan isaanii hin beekamne hawwaasa magaalaa Gadab Hasaasaa sadarkaa obsa fixachiisuurra akka geessisan ragaa waliin eerame.

Waayita maallaqa uummatarraa funaanan waraqaa irratti barreeffama qopheessanii Caaphaa itti rukutuu qofaan akka funaanan himan. Haalli kun magaalaaf baadiyyaa Oromiyaa hunda keessaa dhagaa’ama.

Wanti guddaa nama gaddisiisu bulchaan aanichaa yakka caasaan isaanii uummata nagaarratti raawwatu kana cimsanii mormuu isaaniiti. Kana malees ija jabina guddaan caasaa mootummaa uummata miidhan kan ragaan adda addaa irratti funaaname kana yaadaan osoo deggaranii argamu.

Inumaa wanti ajaa’ibsiisaa ta’u tokko ammoo galiin mootummaa bifa Kontiroobaandiin tohatamee Caalbaasiin gurgurame boorsaa nama dhuunfaa galuu isaati. Kanas Gaazixeessichi kallattiin ragaa waliin bulchaa anaa kanaaf dhiyeessee maaliif akka aanaan isaanii kana raawwatan gaafateera.

Ta’us deebii nama quubsu aangaa’aa mootummaa kanarraa kan hin argamne, waan akkanaa aanaa isaanii akka hin jirretti mormee dhiyeesseera. “Gallee qulqulleessina, dubbucha qulqulleessuu gaafata, ji’a tokkoo asitti sirreessina, kun salphaa yeroo gabaabaatti sirratudha” kan jedhu yaada wal fakkaataa bulchitoonni laatan kan bulchaan aanaa Gadab Hasaasaa rakkoo aanaa isaaniif laatanidha.

Haalli aanicha keessaa hangam malaanmaltummaan lafa qabatee akka jiru, hangam saamichi uummatarra dhaqqabu biyyattii keessatti hundee gadi fageeffachuu isaaf agarsiiftuu guddaa ta’a.

Kana malees qondaalonni mootummaa akkasuma hojjettonni walii galanii mana hojii dhabdootaaf ijaarame qooddachuurratti akka argaman qophii kanaan ifoomeera. Hojjettoonni ibsaallee osoo hin hafin uummata aanaa Gadab Hasaasaa saamaa akka jiran qophichi ifoomsa.

Walumaa gala magaalattii keessatti saamichi caasaan mootummaa uummatarraan gahu, uummata qofa osoo hin taane mootummaa harkaa nyaatullee saamaa jiraachuu agarsiisa.

Haalli kun inumaa biyyattii keessatti madda yaaddoo olaanaa ta’eera. Uummati guutummaa Oromiyaa keessaatti qarshii ishuma argatullee nyaachuu hin dandeenye. Osoo ofii hagabuu buluu baajeta seeraaf sirna hin qabne kan caasaan mootummaa bulee ka’ee gaafatuun gatiittiin isaa hadoodaa akka jiru gabaasaan bahu mul’isa

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna! Madda odeefannoo hawwaasatti dhiyoo!

Share this on: