Rakkoo daandii Oromiyaa keessaa

Oromiyaa keessatti mancaafamuu daandii irraa kan ka’e hawwaasni rakkina guddaaf saaxilamee jira

Oromiyaa keessatti Konkolaataan nama baachuun hafee namatu konkolaataa baata kan jechisiisu caccabuu daandiirraa bakkeewwan hedduun danqamuu imalaa mul’ata. Daandii hawwaasaa dura turellee caccabee suphaa dhabuudhaan Bona awwaaraaf ganna ammoo dhoqqeef uummatni bakkaa bakkatti deemuuf yaaddoof saaxilamuu isaatu himama.

Xiyyeeffannaa mootummaa naannoo Oromiyaa misooma irratti ta’uu hafee gara waraanaatti fuula deebifachuun inumaatuu rakkinicha hammeesseera. Har’a guutummaa Oromiyaa keessatti rakkoon daandii, hanqinni tajaajila hawwaasaa akkaan haasa’amaa jira.

Bahaa lixaa, kaabaa kibbatti rakkoon hanqina daandii akka malee yaaddessaa ta’eera. Addatti Shawaa Lixaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Buunnoo Beddeellee, Wallagga Lixaa fi Qellem Wallaggaa hanqinni daandii bakkeewwan akka malee hawwaasa gadachan keessaa isaan ijoodha

Amma waktii kana Jimma dabalatee Oromiyaa bakki daandii qajeelaa qaba jedhamu hin jiru nama jechiisiisa jedha gabaasni nu gahe. Imaltoonni caccaba daandiirraa kan ka’e konkolaataa harkisaa adeemuun baratamaa ta’eera jedhan.

Hanqina irra deddeebiin himamu kan furmaatni isaa maseene kana guutuuf mootummaan fedha dhabuun rakkinichi wal xaxaa akka ta’u taasisaa jira jechuun gabaasni arganne ifoomseera.

Haaluma wal fakkaatuun naannoo Oromiyaa keessatti daandii qofa osoo hin taane manneen barnootaa caccabuun suphaa dhabuu, hospitaalli fi buufataaleen fayyaallee bifa eegamaniin haareffamuu dadhabuun hawwaasa naannoo Oromiyaa rakkisaa akka jiru gabaasaan arganne ifoomsa.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *