Seenaa maatii mootii Leeqaa Naqamtee (Warra Waayyuu)

Siidaan mootii Leeqaa Naqamtee durii Kumsaa Morodaa magaalaa Naqamteetti eebbifamuu wal qabatee yaadonni mormiif deggarsaa dhagaa’aman

Siidaa Kumsaa Morodaa Kumsaa Morodaaf siidaan magaalaa Naqamteetti hojjetame Kaleessa eebbifamuu gabaafame. Siidaan kun Marfata tokkoffaa magaalattii irratti hojjetamuu himame. Siidaan qarshii guddaan hojjetamuu isaa dhagaa’ame kun miidiyaa hawwaasaarraan yaadota garaa garaa hawwaasni akka dhageessisu taasiseera.

Seenaa bulchitoota Leeqaa keessatti adda durummaan maqaan isaa kan ka’u Kumsaan kaan hojii gaarii hojjetee darbe yoo jedhan, kaawwan ammoo aadaaf duudhaa Oromoo gatee gadaa cabsee bulchiinsa mootii hundeesse jechuun qeequ. Hundeeffama magaalaa Naqamteef adda durummaan shoora nama bahate ta’uu isaa kan eeramu Kumsaan, sirna Gadaa bittumsuu fi sirna Nafxanyaa tole jedhee fudhate jedhamuun qeeqama. Kanneen qeeqa kana kufaa taasisan ammoo Kumsaan wayiita bulchiinsa irra turetti tooftaaf mala gargaaramuun haleellaa hammaataan uummata akka hin quunnamne taasiseera jechuun malaaf sirna sana loluu diduu eeru.

Hortee Leeqaa keessaa maatii Waayyu Leeqaa irraa dhalchuun isaanii kan himamu maatiin Bakaree Godaanaa hundeeffama magaalaa Naqamteef kanneen bu’uura ta’an ta’uu himama. Maatiin Bakaree Godaanaa ka’umsi isaanii Wallagga Bahaa aanaa Waayyu Xuqaa bakka addaa laga Waamaa irraa sochii aangoo babal’ifachuu eegaluutu himama.

Bakaree Godaanaa naannoo eerame kanatti hawwaasa naannichaa humnaan lolee hortee Waayyuu jalatti bulchiinsa humnaa hundeessuu himama. Kaawwan ammoo shiftummaan aangoo isaa babal’ifate, dargaggoota of jalatti ijaaree loluurraa gara mootitti of jabeesse jedhuun.

Bakaree Godaanaa gadaa Leeqaa cabsuu keessatti adda durummaan haa kaafamu malee, jalqaba Gadaa cabsuu isaa seenaan kan himu Sibuu ta’uu barreessitoonni itti walii galu. Sibuu fi Leeqaan bakka dheedichaa irratti lola dheeraa keessa turuu isaanii kitaabileen kan himan yoo ta’u, adeemsa kanaan erga Sibuun aadaa cabsee booda Bakaree Godaanaa ammoo hawwaasa toora Waamaa jiraatan humnatti gargaaramee bifa shiftummaan Gadaa naannichaa dadhabsiisuu eerama.

Kanaaf qeeqxonni dhimma gadaa dhabamsiisuun wal qabsiisee maatii Kumsaa Morodaa ija hammeenyaa ilaalu. Kanneen qeeqa kana kufaa taasisan ammoo inumaa Bakareen wayiita sanatti humnaan bulchiinsa Gadaa cabsuu osoo baateeyyuu sirnichi laaffataa waan dhufeef jabaatee itti fufuu akka hin dandeenye himu. Kunis giddu gala Oromiyaa fi Sibuun duudhaa ganamaa erga gatee Leeqaan qofaatti itti ciche hafuu akka hin dandeenye himu.

Akkasuma kanneen hojii gaarii hojjechuu maatii Kumsaa Morodaatti amanan sirna barnootaa hawwaasa qaqqabsiisuu isaanii, akkasuma addatti magaalaa Naqamtee wiirtuu daldalaa taasisuu isaaniin jajatu.

Bakaree Godaanaa qubsuma jalqabaa naannoo Tulluu Koomtoo irraa gara Nuunnuu Qumbaa, achirra ammoo gara Waayyu Tuqaa bakka addaa Guftee jedhu taasifachuu himama. Kunis maatii ykn firoota hortee Waayyuu barbaacha bakka mukeeniin marfame Guftee deemee qabachuu eerama. Achittis shiftoomee dargaggoota of jalatti ijaaraa adeemuu isaa, sochii isaa naannaa Waamaa irraa gara Fulluu Koomtootti asii ol babal’ifachuu isaa himama.

Kan ammoo naannoo Tulluu Koomtooti Wasiila maqaan isaa Fidoo Bookkisaa jedhamu irratti lolli baname jechuun gara Tulluu Koomtootti deggarsa wasiila isaafis taasisuuf aangoo isaa gara sanattis babal’ifate. Akka kanaan mootiin Bakaree Godaanaa bulchiinsa mootii gadi dhaabuu himama.

Kanarraa ka’uun qeeqxonni maatiin Bakaree Godaanaa gadaa bittimsan, uummata Gadaan bulu gadaa harkaa gatanii humnaan bulchiinsa mootii ijaaran jechuun komatu. Akkasuma maatii Leeqaa gara Lixaatti babal’isuun horteen Leeqaa hundeen isaanii akka babal’atuuf lafa bal’aa irra akka qubatan gahee taphataniiru jedhamuun maatii leeqaa keessatti ammoo horteen kun leellifamu. Tumsa maatii kanaatiin horteen Leeqaa Kibbaan hanga daarii Jimmaa, Lixaan ammoo bakkeewwan hedduutti babal’achuu danda’eera.

Isaan maatii kana qeeqan ilma Kumsaa Morodaa, Hanbis Kumsaa seenaa gaggaarii dalaguu isaa ammoo nii amanu. Barnoota Ammayyaa akka Itoophiyaatti nama yeroo duraaf barate ta’uu kan himamu Hanbis nageenya uummata isaa tiksuuf bulchiinsa Lixaa hundeessuuf bulchiinsa san mirkaneeffachuuf xalayaa mootiitti barreessuu eerama. Kana malees seenaa uummata Wallaggaa barreessee kitaabaan maxxansuuf yaalii taasisaa turus bulchiinsa Itoophiyaa yeroo saniin dhorkamuu eerama.

Share this on: