Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti Faannoon bakka Cidhaatti haleellaa gara jabinaan guute raawwate.

Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti Faannoon bakka Cidhaatti haleellaa gara jabinaan guute raawwate.

ODM: Waxabajji 17,2024

Maddi odeeffannoo Oromo Diaspora Miidiyaa akka eerutti Fiinxaaleyyiin Faannoo Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti haleellaa mana cidhaa irratti raawwataniin lubbuu hedduun darbuu gabaafame.

Taatee godina shawaa Lixaa aanaa Noonnoo ganda Qondaala jedhamee beekamutti finxaaleyyiin Amaara hidhatanii jiraniin raawwate kun akka lakkoofsa Habashaatti 7/10/2016 ta’uu ibsame.

Humnoonni hidhatan kunneen jiraattoota gandichaa sabaan Oromoo ta’an irratti haleellaa sukkanneessaa raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbarsan jedha gabaasichi.

Haleella kana kan rawwatan meeshaalee waraana jajjabaa fayyadamuun yeroo ta’u, mana cidhaa irratti dhukkasa banuun namoonni tilmaaman 20 ol ta’an mana keessatti gubachuufi namoonni 4 rasaasan rukutamuun lubbuun isaanii darbuu barameera.

Yeroo ammaa kanas Namoonni miidhaan cimaan irra gahe hospitaalatti yaalama jiru jedha gabaasichi. Yakki waraanaa humnoota Faannoon raawwatu kun inumaa hidda fageeffataa adeemuun ala gara qabbanaa’uutti deemaa kan hinjirre ta’uu gabaasichatu hubachiisa.

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna! Madda odeefannoo hawwaasatti dhiyoo!

Share this on: