Sichi magaalaa Finfinneetti karaa irratti fincoofnaan 2000 nama adabsiisa

Magaalaa Finfinneetti Biqiltuu daandii cabsuuf fincaan karaa irratti fincaa’uu dabalatee seera ajaa’ibsiisoo tibbana bahan

ODM: Adooleessa 25,2024

Mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannaa magaalaa qulqulluu taasisuu jedhu qabatee jiruun seerota adda addaa raggaasisuu itti fufee jira. Tibbana inumaa magaalaa Finfinneetti Fincaan daandii irratti fincaa’uun qarshii 2000 akka nama adabsiisuuf kaan dabalatee madda ijoo miidiyaa hawwaasaa ta’eera.

Kanaanis seerri magaalaa Finfinneetti bahe tibbanaa nama hedduu ajaa’ibsiiseera. Kosii bakka maleetti gatuu hanga qola Mastiikaatti bakka isaaf maluu ala namni karaa irratti gate qarshii 2000 qabee akka badiisaatti hanga qarshii 100,000 adabama jedhame.

Kana malees namni biqiltuu daandiirraa cabse ykn konkolaataan rukute qarshii 150 ol akka adabamu namooti walii qoodaa jiru.

Seerri kun Magaalaa Finfinneetti ‘misooma koridarii’ baajata birrii biiliyoonaan lakkaawwamuun hojjatamaa jiruun walqabatee bulchiinsi magaalichaa danbii eegumsa qulqullina ilaallatu ifoomseen bahan.

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee fi Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalichaa waloon ibsa miidiyaaleef laataniin qulqullinaa magaalattii eegsisuuf Danbiin lakkoofsa 167/2016 bahuu ifa godhaniiru.

Namooti hedduun dhimma kana bifa qoosaan ibsatan. Kanneen karaa irratti fincaa’uun qarshii 2000 adabamuurra of keessatti gadhiifnee Surree lama bitanna jedhanii babarreessan illee hedduudha.

Seera bahe ammaa akkamiin ilaaltan?

Share this on: