Siyaasa biyyoota ollaa Itoophiyaa fi imala Peresedaantii Somaaliyaa gara Eertiraa taasise

Peresedaantiin Somaaliyaa daawwannaaf gara magaalaa Asmaraa deemuu miidiyaaleen gabaasaa jira.

Jaalalli gaggabsaan jibba gaggabsaa fida akkuma Oromoon jedhu, bulchiinsa Itoophiyaa Abiyyi Ahemad akka gara aangootti dhufeen Ertiraa waliin hariiroon ajab  jechisiisuu jalqabe. Inumaa lola yeroo dheetaa Itiyoo-Eertitaa nagaan xumuruun wal qabatee badhaasa Noobelii addunyaa Abiyyi Ahemad badhaafame.

Haalli kun garuu hangas waggoottan dheeraa lakkoofsisuu hin dandeenye. Dhimmoota siyaasaa addaa addaarratti Abiyyiif Isaayyaas Afawarq wal ildiimuu jalqaban.
Hariiroon Ciree Ertiraatti Laaqaba Itoophiyaatti hanga nyaachuu hoggantoota lameen gidduu ture dafee coollige. Daawwannaan Oromiyaa Godina Jimmaa dabalatee Peresedaantiin Isaayyaas Afawarq taasisaa tures daddaffiin goolaba argate.

Haalli dhibdee Itoophiyaan olloota waliin qabdu achitti hin dhaabbanne. Dhimma hidha Abbaayyaan wal qabatee Misir waliin lola hololaa guddaa keessummeessaa kan turte Itoophiyaan dhimmuma hidha laga Abbayyaaf akkasuma daangaa irratti Sudaan walinis lolatti seente.

Inumaa humnoonni Sudaan hanga daangaa naannoo Amaaraa irraan seenanii uummata buqqaasanii lafa qabatanitti gahan. Lola baatilee murtaa’eef gaggeessiteen Sudaan bakkeewwan oomisha Saliixiif mijataa jedhamee dubbatamu naannoo Amaaraa keessa seente qabachuus wayiita sanatti miidiyaaleen gabaasaa turan. Ta’us akkamiif eessatti akka walii galan beekamuu baatus Sudaan rakkoo keessoonis hudhamtee kan jirtu dhimmi sun qabbanaa’uun ammoo dhagaa’ame.

Adeemsi biyyoota ollaan wal dhabuu Itoophiyaa kun akkuma kanaan Somaaliyaattis darbe. Yeroo tokko tokko Itoophiyaan kun gajaatuu wayii namatti fakkaatti. Inumaa bulchiinsa Abiyyi Ahemad jalatti keessonis ta’e olloota isheen nagaa argattee hin beektu.
Kun ta’ee biyyootni ollaa Itoophiyaa waliin wal dhaban hariiroo waan jabeeffatan fakkaatu. Peresedaantiin Somaaliyaa Eertiraa imalee jiraachuu gabaafama. Akka gabaasaaleen jedhanitti Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraa galuu gabaafama.

Ministiirri Infoormeeshinii Ertiraa Yamaana Gabramasqal fuula miidiyaa hawaasaa X isaanii gubbaatti akka barreessanitti, Pirezidaant Hasan Sheeek Mohaammad daawwannaa hojiif Asmaraatti imalan.

“Pirezidaantiin Federaala Riippaabilika Somaaliyaa kabajamoo Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif har’a gara guyyaa walakkaa Asmaaraa seenaniiru,” jechuun Wiixata har’aa Adooleessa 8, 2024 barreessan.

Yeroo buufata xayyaara Asmaraa gahanittis pirezidaantii biyyattii Isaayas Afawarqiin simannaa hoo’aa akka godhaniifis barreessan Obbo Yamaanaa Gabramasqal.

Akka isaan jedhanitti, gaggeessitoonni lamaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti ni mariyatu. Dhuma torbee darbee ammoo Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa Turkiitin muddama gidduu isaanii jiru furuuf fedhii akka qaban ibsa walootiin beeksisanii turan.

Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad garuu “Itoophiyaan muddama jiru mariidhaan furuudhaaf qophii miti’ jechuun himachuunsaanii ni yaadatama.

Imalli Peresedaantiichaa Itoophiyaaf qormaata hamaa ta’uus danda’a jedhamee sodaatama. Akka guungumamu taanaan Faannoon Eertiraa keessatti wal leenjisaa akka jiruuf Peresedaantii Eertiraa faana hariiroo dipiloomsaa qabaachuu himama.

Share this on: