Somaaliyaan mariin Ankaaraa gufachuu isaaf Itoophiyaa qeeqxe

Mariin Ankaaraatti gaggeeffamaa ture gufachuu isaaf Somaaliyaan mootummaa Itoophiyaa himatte.

Tibbana jaarsummaa Turkiin alkallattiin marii Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti gaggeeffamaa turee osoo hin milkaa’iin hafeera. Mariin araaraa kun torban darbe keessa gaggeeffamaa ture. Dhimma sana irratti Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad mariin Ankaaraa milkaa’u dhabuuf sababni Itoophiyaadha jedhee jira.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad mariin Itoophiyaafi Somaaliyaan Ankaaraatti taasisan kan milkaa’uu dhabe Itoophiyaan waan birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa hin kabajneef jedhan.

Pirezidaantichi haasaa buufata TV biyyaaleessaatiin Sambata Hagayya 17, 2024 tamsa’een, ‘‘Itoophiyaan walabummaa Somaaliyaaf beekamtii dhowwachuutti waan cicheeteefiidha’’ jedhan.

‘‘Marii Ankaaraa irratti Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaafi biyya ollaa bilisa taateen gochuun fudhachuudhaaf hayyamamtu akka hin taane mirkaneessineera.

Hanga birmadummaa Somaaliyaa fudhatuutti homaarrattuu hin mari’annu’’ jedhan.

Mariin Ankaaraatti yeroo lama adeemsifamee milkii malee hafeera. Kan duraan gufateefis Peresedaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Itoophiyaa himatanii turan. Yeroo darbes peresedaantichi Itoophiyaan ejjennoo ishee osoo hin jijjiirin mariif imalte, kanaaf mariin Ankaaraa gufate jedhanii ture.

Rakkoon biyyoota ollaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa walitti buuse dhimma ulaa galaanaa ture. Somaaliyaan Somaaliilaand akka biyyashee keessaa naannoo tokkootti ilaalti. Biyyootni biroos biyya ta’uu Somaaliilaand raggaasisuu irraa of qoqqobaniiru.

Ta’us waggoota dheeraaf daangaa ishee kabachiiftee mootummaa mataa ishee hundeeffachuun akka biyya tokkootti jiraachaa kan jirtu Somaaliilaand Itoophiyaa waliin baatii Amajjii gara jalqabaa waliigaltee karra galaanaa taasifte.

Waliigalteen sun birmadummaa biyya koo sarbe, mootummaan Itoophiyaa osoo na hin haasifsiisin dhimma biyyakoo keessa seene jechuun himatte.

Kanaanis hanga daandii xiyyaaraa wal dhorkachuutti akkasuma waraana walitti bobbaasuutti biyyoota lameen adeemsisee ture. Rakkoon sun ammallee furmaata argachuu dadhabuun inumaa Somaaliyaan aarii kanaarraa waan madde kan fakkaatuun biyyoota Itoophiyaa waliin dhibdee qaban faana hariiroo waraanaa tolfachuu tti jirti.

Share this on: