Tuutni hayyoota Oromoo walitti dhufuun dhimma Marii Biyyaalessaa amma Itoophiyaan itti jirtu fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsan.
Tuutni hayyoota Oromoo walitti dhufuun dhimma Marii Biyyaalessaa amma Itoophiyaan itti jirtu fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsan.
Hayyoonnii fi Ogeeyyonni Oromoo hedduun ibsa Waloon baasaniin adeemsa Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa amma itti deemaa jiru balaaleffachuun fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachiisan.
Akka hayyoonni Oromoo kun hedhanitti adeemsi marii biyyaalessaa kun shira gowwomsaa kan of keessaa qabu ta’uu caqasuun uummatni Oromoo fudhatama akka dhabsiisu gaafatan.
“Gareen Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamee moggaafame kun adeemsa siyaasa gowwomsaa fi shiraa aangoo hacuuccaa fi cunqursaa sirna Abiyyi Ahmad yeroo isaa ummata irratti dheeressuudhaaf diriirfame waan ta’eef, nuti hayyootnii fi ogeeyyiin Oromoo gadi jabeessinee balaaleffanna.” Jedhan
Uummanni Oromoo shira kanaaf deeggarsaafi tumsa akka hin goone kan gaafatan hayyoonni kunneen; Mariin biyyaalessaa paartilee mormitoota Oromoo of keessatti hin hammanne rakkoo siyaasa Oromootif furmaata waan hin taaneef fudhatama hin qabu jedhaniiru.
Haa ta’u malee, mariin jedhame kuni “dhiibbaa cimaa” hawaasa idiladdunyaa irraa itti hammaachaa dhufe dandamachuuf maqaa marii biyyaalessaa jedhuun sobaafi fakkeessuu qofa waan ta’eef rakkoo siyaasaa kan hin furre ta’uu eerameera.
Hayyoonni kunneen, adeemsi marii kuni “rakkoo siyaasaa Oromoo walxaxaa” kan furu osoo hin taane sirumaa “waldhabdee jirurratti boba’aa dabaluuf deema” jedhaniiru.
“Komiishiniin araara biyyaalessaa kuni murna aangoo irra jiru kan gaggeessitoota siyaasaa erga manni murtii walaba isaan gadhiisee illee, walitti fufiinsaan dararaa jiruu fi humnoota hidhatan bobbaasuun riphee loltoota deggartan jechuudhaan ummata nagaa boombiin fixaa jiruun waan hundeeffameef, nagaa dhugaa lafa qabachiisuuf akeeka qaba jedhanii abdachuun of gowwoomsuu dha,” jechuun ibsa isaanin hayyoonni kun fudhatamummaa dhabsiisaniiru.
Mootummaan biyya bulchu osoo biyyattiin rakkoo ulfaataa gama hundaa yeroo ammaa keessa jirtu keessa osoo hin seenin dura gaaffii marii biyyaalessaa irra deddeebiin dhiyaachaa ture mootummaan fudhatama dhoorkachuu ibsichi eereera.
Paartileen mormitootaa kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo irra deddeebiidhaan gaaffii marii biyyaaleessaa dhiyeessaa turuun ni yaadatama.Haa ta’u malee, mootummaan marii sanaaf qophii ta’uu dhabuun rakkoolee jiran humnaan ajjeechaa, reebicha, dararaa, wal’aansa fayyaa dhoorkachuu, hidhaa jumlaa, miidhaa saalaa, mormittoota siyaasaa humnaan dhabamsiisuufi gochoota hammeenyaa biroo raawwachuu itti fufuu ibsichi eereera.
Ibsichi yakkoota akka ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Karrayyuu, ajjeechaa Qondaala Siyaasaa ABO kan ta’an Battee Urgeessaa irratti raawwatame,ajjeechaa fi gocha hammeenyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Raayyaan Ittisa Biyya Ertiraa Fulbaana 18,2023 ummata nagaa irratti raawwachuudhaan mootummaa biyya bulchu yakkeera.
Mootummaan yakka akkasii raawwatu “marii biyyaalessaa” hundeessuudhaaf ga’umsaa fi hamilee hin qabu’ jechuun marichi dantaa paartii biyya bulchuu milkeessuuf kan hojjetu ta’uu ibsichi addeesseera.
Uummatni Oromoo adeemsa marii biyyaalessaa kana tumsuufi “meeshaa ta’uu” irraa akka of qusatu hayyoonni Oromoo kun dhaamaniiru.