UN tti jaarmiyaan baqattootaa baha Afrikaa baqataa qabaachuun sadarkaa akka qabu ibse

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Jaarmiyaan Buqqaatotaa addunyaarraa bakki baqataan itti baayyatu baha Afrikaa ta’uu ibse.

Dhimma baqattootaa irratti Keeniyaatti ibsa kan laate jaarmiyaan baqattootaa akka addunyaatti bakki baqataan itti baayyatu baha Afrikaa ta’uu beeksise.

Akka Afrikaa bahaatti, lammiileen biyyumma abbaa isaanii keessatti qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqahanii jiran miliyoona 20 fi kuna dhibba tokko akka ta’an ibsameera.

Jaarmiyaan Dhimmoota Buqqaatota Addunyaa Hagayya 16,2024 Naaroobiitti dhimma kanarratti wayita gabaasa baase akka beeksisetti, Waxabajjii dabre keessa baay’inni namoota qe’eerraa buqqahanii miliyoona 19fi kuma 200 ture. Hagayya kana keessa kuma 900n dabalee, amma biyyoota Afrikaa Bahaa irraa namoota miliyoona 20 caalutu biyyuma keessatti buqqaheera.

Godina kanarraa baay’ina lammiilee qe’eerraa buqqahuutiin sadarkaa 1ffaa haga 3ffaa kan qabatani jiran Sudaan, Sumaaliyaafi Itoophiyaadha jedhe. Itoophiyaa biyyuma keessatti buqqaa’anii kan jiran namoota miliyoona 3.3 qabaachuu ishee jaarmiyaan kun caqaseera.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jaarmiyaan baqattootaa kun akka ibsetti buqqaatii kanaaf sababoonni eeraman waraana gaggeeffamaa jiru, beelaa fi hongee ta’uu hubachiise.

Biyyoota Afrikaa Bahaa keessa jiran keessaa, biyyi baqattoota biyyoota biroo simachuuniifi koolu-galtummaa keessummeessuun 1ffaa taate, Ugaandaadha kan jedhe jaarmiyaan kun magaalaan Kampaalaa baqattoota miliyoona 1.7 qubsiifteetti jedheera. Akkasuma Itoophiyaan ammoo baqattoota miliyoona 1 simachuu ishee caqase.

Naannoo Oromiyaa keessatti weerara Faannoo fi lola mootummaan dawoo WBO’f taatan jedhuun baneen uummatni miliyoonotaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqaa’uuf saaxilamaniiru. Kanneen waraanaan qe’ee ofii dhaban kunneen bakkeewwan hedduutti uwwisa miidiyaa kan hin arganne, namni isaan gargaaru illee dhibuun gidiraa ulfaataa keessummeessuuf dirqamaniiru.

Share this on: