Utubaan Sibiilaa maalummaaf abbummaan isaa hin beekamne tibbana Ameerikaa keessatti mul’ate.

Utubaan Sibiilaa maalummaaf abbummaan isaa hin beekamne tibbana Ameerikaa keessatti mul’ate.

ODM: Waxabajji 21,2024

Icciitii uumamaa baruuf dhalli namaa jaarraa baay’ee tattaafataa jirutti wantoonni hibboo gurguddaa ta’an dabalaa bulaa jiru. Wantoota hawwaa keessaa, lafa irraa fi lafa jalaa baruuf xiyyeffannaa dhalli namaa taasisu baay’ee tokko guddaa ta’aa dhufeera.

Ta’us icciitii uumamaa bira gahuun bakkeewwan hedduutti qormaata ta’eera. Galaana walakkaatti kan argame waa’een bakka Bermudaa jedhamuu, kan wantoota ofitti harkisuun dhidhimsu, bakki Bidiruuwwaniif Xiyyaarota hedduu fudhatee as buutee dhabamsiisee hanga ammaa waan barame hin jiru.

Kana malees waa’ee uumama UFO jedhaman kanneen hawwaa keessa balali’u jedhamees ifatti waan irraa dubbatame hin jiru. Uumambi namas hin taane bineensas hin jedhamne ammoo baay’ee qaroomoo jedhaman eessaa maddan akkamiin uumaman kan jedhu madda qormaataa ta’eera.

Haalli kana fakkaatu qorattootatti bitaa galaa kan jiru waa’ee utubaa Sibiilaa biyyoota hedduutti mul’ataa jiruuti. Utubaan Sibiilaa baay’ee icciitaawaa ta’e kun tibbana Ameerikaa keessatti mul’achuu miidiyaaleen gabaasaa jiran.

Wanti kun tibbana Ameerikaa gammoojjii Nevaadaa keessatti mul’atee ture. Utubaa sibiilaa calaqqisu guddaadha jedhame. Utubaan sibiilaa calaqqisu kun bakka Laas Veegaas Kaabaarraa sa’aatii tokko fagaatu gammoojjii Nevaadaa keessatti tasa mul’ate.

Utubaan sibiilaa guddaafi dheeraa kun gammoojjii bu’aa ba’ii qabu kana keessa dhaabbatee mul’ate. Utubaa sibiilaa guddaa waliin isaa hin beekamne kana jalqaba kan arge miseensota poolisii Laas Veegaas turan. Jedha. Waan kun dheerinni isaa tilmaamaan meetira sadii ni ta’a jedha gabaasaan.

Utubaa sibiilarraa hojjetameefi boca qabu kun, gammoojjii kana keessatti kan mul’ate kun kan jalqabaa miti.

Kanaan duras achuma Ameerikaa Yuutaah fi Kaalifoorniyaa, akkasumas Atilaantikiin ce’ee Weelsiifi Romaaniyaa keessatti osoo hin beekamiin tasa mul’ateera.

Biyyoota Lixaatiin alattis magaalaa guddoo biyya Afrikaa Dimokiraatik Koongoo, Kinishaasaa keessattis mul’atee ummata dheekkameen barbadaa’eera.

Utubaan sibiilaa waliin isaa hin beekamne kun magaalaa Kinishaasaatti kan mul’atee ture bara 2021 ture.

Yeroo sanatti namoonni biyyattii wanta walin isaa hin beekamne kana waan shakkaniif callisanii hin ilaalle. Kan danda’an dhakaan reeban, kaan ammoo ibidda itti qabsiisan.

Sibiilli icciitiin isaa wallaalame kun ijoo dubbii miidiyaa hawaasaas ta’eera. Waan hedduutis jedhame.

Boca sibiilaa kana duuba Illuminaayitiin jiraachuu hin oolle jedhamee dubbatameera.

Keessi isaa maal qabateera laata? Gaaffii jedhu kaaseera. Warri Koongoo waan walin isaa hin beekamne caccabaa isaa erga sassabanii booda keessa ilaalanii sibiila diriiree jiru qofa argan.

Kantiibaan naannoo sanaas wanta bakki dhufee hin beekamne kana baruudhaaf ciccitaa sibiila kanaa gara saayinitistootaatti ergan.

Kantiibaan magaalattii kana haa godhaniyyu malee bulchaan kutaa bulchiinsaa Kinishaasaa garuu utubaa kana kan dhaaban kantiibaama kanadha jechuun himataniiru. Kantiibaan kun garuu himannaa kana hin fudhatan.

Wanti utubaan sibiilaa fakkaatu kun kutaalee addunyaa garagaraa keessatti mul’atee deebiyee baduun waggoota lakkoofsiseera.

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna! Madda odeefannoo hawwaasatti dhiyoo!

Share this on: