Wallagga Bahaa aanaa Limmuutti namni nagaan ajjeefamuu himame!

Wallagga Bahaa aanaa Limmuutti daldala Oromoo manaa baasanii ajjeesan

Waraanni mootummaa halkan edaa Wallagga Bahaa aanaa Limmuu magaalaa Galiilaa keessatti nama nagaa jireenya dhuunfaa isaa gaggeeffatu ajjeesuu dhagaa’ame.

Akka maddeen jedhanitti namni ajjeefame kun daldalaa waggoota 20 oliif hojii daldalaa irratti bobba’ee hojjetu ta’uu himame. Namni kun caasaa siyaasaa kam kan hin taane abbaa maatii ta’uu isaa gabaasichatu ibsa.

Akka maddeen odeeffannoo keenyaatti maqaan nama kanaa Itichaa Caraanaa kan jedhamu yoo ta’u; achuma wallagga bahaa Aanaa Limmuutti dhalate kan guddate ta’uu barame. Namni kun kanaan duras badii tokkoo alatti hidhamee hiraaraa akka ture barameera. Dararaa yeroo dheeraan booda mana isaatii gadi baasanii ajjeesuu barameera.

Oromiyaa keessatti caasaan Koree Nageenyaa jedhamu ajjeechaa suukanneessaa raawwachuutu himama. Inumaa gochaa gara jabinaan guute Oromiyaa bakkeewwan hedduutti raawwatu jechuun Rooyitarsitti qorannaa bara kana keessa gaggeessuun isaa nii yaadatama. Haalli kun jireenya hawwaasa irratti dhiibbaa guddaa uumaa kan jiru yoo ta’u namni badii osoo hin qabaatin WBO waliin hariiroo qaba jedhamuun qabamee ajjeefamuuf hidhamuun irra deddeebiin mudata.

Share this on: