Waqeeffattootni amantaa Oromoo ganamaa Godina Harargee Bahaa Baabbileetti hedduun isaanii hidhamuu himame

Waqeeffattootni Oromoo ganamaa Godina Harargee Bahaa Baabbileetti hedduun isaanii hidhamuu himame

ODM: Waxabajji 26,2024

Dhiibbaan gama mootummaan irra gahaa ture ammallee akka itti fufee jiru kan himatan hordoftoonni amantaa Waaqeffannaa Hararge Bahaa Baabbileetti hidhamuu isaanii himame.

Akka gabaasaaleen jedhanitti namoonni waaqeffannaarra turan 79 jalqaba erga  hidhamanii namoonni warra hidhame gaafachuu deeman sadii itti dabalamanii walumaa gala namooti 82 ta’an badii malee hidhamuu gabaafame.

Namoonni kunneen Jimaata darbe Waxabajjii 21 bara 2024  galma waaqeffannaa Baabbilee keessaa humnoota nageenyaa mootummaa magaalaa Baabbileetiin qabaman jedhame.

Namoonni hidhaman kunneen hordoftoota amantii waaqeffannaa ta’uufi walga’ii mana maree walakkeessa waggaa wiirtuu hordoftoota waaqeffannaa kan Harargee Bahaa geggeeffachuuf walga’an jedha maddeen oduu keenya.

Namoonni hidhaman kunneen koreelee hooggansaa Giddugala Bahaa, Hooggansa wiirtuu Harargee Bahaa fi Aanaalee akkasumas miseensota galma Baabbileeti jedhame.

Namoonni 25 Waajjira Poolisii magaalaa Baabbilee fi 54 immoo mooraa Waraanaatti hidhamanii jiraachuu dhaabbanni hordoftoota amantii waaqeffannaa ibsee jira. Namoota sadan gaafachuu dhaqan garuu eessatti akka hidhaman gabaasicharraa hubachuu hin dandeenye.

Amantii Oromoo ganamaa ta’uu kan himamu Waaqeffannaan Oromiyaa kutaalee hunda keessaa hordoftoota horateera. Ta’us gama bulchiinsa mootummaaf darbee darbee ammoo hawwaasa irraa dhiibbaan akka irra gahaa jiru yeroo hedduu himama.

Bakka galmaa dhabuurraa qabee hanga bakka awwaalchaa dhorkatamuutti dhiibbaan gama mootummaa akka irra gahu yeroo hedduu himatu. Bara kana ammoo Lixa Oromiyaa Begiitti hordoftoonni amantichaa ajjeefamuu gaafama turuun nii yaadatama.

Share this on: