WBO’n Alshabaab waliin hariiroo akka qabu mootummaan Itoophiyaa hime

Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa muddamsa irra wayiita jirutti ajjeechaa namoota tibbanaa mootummaan raawwachuu WBO’n hubachiiseera

Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irratti tibbana muddamsi hammaachuu miidiyaaleen biyyoota lamaanii gabaasaa jiru. Woirtuu siyaasaa ta’ee inumaa akka gola qabsoo bilisummaa Oromoo tti kan ilaalamu daangaa keeniyaa irratti mootummootni Itoophiyaa dhufaa darbaa xiyyeeffatu.

Bakka qubsuma Oromoo Keeniyaa jiraatuuf Oromoo Itoophiyaa jiraatuu kan ta’e naannichi bakka dahannoo olaanaa waraana Bilisummaa Oromoo ta’ee waggoottan dheeraaf tajaajilaa jira.

Naannicha keessaas waraanni Bilisummaa Oromoo dhibee akka hin beekne dubbatama. Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha dhabamsiisuun sagantaa mootilee Itoophiyaa kan ta’e, akka yaadaniif saganteessanitti garuu naannichatti milkaa’uu hin dandeenye.

Gidduu kanas mootummaan Itoophiyaa Moyyaalee qabee hanga Keeniyaa keessa Marsabiitiif Solooloo dabalatee naannicha tohannaa jala oolfachuuf holola adda addaa gadhiisaa jiraachuu maddeen himu

Tibbana Keeniyaan Hagayya 12,2024 hidhattoonni Itoophiyaa irraa dhufan namoota nagaa ajjeesanii deebi’uu himte. San hordofee kan fakkaatuun Itoophiyaan Keeniyaa wal ta’uun naannichatti Opireeshinii waraanaa gaggeessuuf akka jirtu kaleessa miidiyaan ibsaa turteetti

Namoonni ajjeefaman Konkolaataan imalarra osoo jiranii ta’uu foolisii Keeniyaa ibseera. Ajjeechaa kana qaamolee hidhatan Itoophiyaa irraa dhufan kan uffata waraana mootummaa fakkaatu uffataniin raawwatame jedha qondaalli Foolisii Keeniyaa naannicha. Ibsa foolisiin bakkichaa kenne qaama hidhatee Itoophiyaa irraa daangaa keeniyaa seene jedhaan ala maqaa ifatti caqase hin qabu. Garuu uffati loltoota ajjeechaa san raawwatanii kan waraana mootummaa Itoophiyaa akka fakkaatu eere

Dhimmicha irratti WBO’n ibsa kenneen qabsoo waggoottan dheeraaf gaggeesse keessatti waraanni Bilisummaa Oromoo namoota nagaa ajjeesuu irratti akka hin xiiyyeeffanne caqase. Kanaafis ajjeechaa akkanaa waraanni mootummaa akka raawwatu hubachiise.

Haalli kun kanaan osoo jiruu wayiita walitti dhufeenya Keeniyaa waliin uumtetti Itoophiyaan Waraanni Bilisummaa Oromoo Alshabaab waliin hidhata qaba jechuun farraje.

Alshabaab shororkeessitoota beekamoo gaanfa Afrikaa keessa isa tokko yoo ta’u, loltoota Alshabaab dhabamsiisuuf Ameerikaa dabalatee biyyoota addunyaatu hirmaannaa waraanaa naannichatti taasisa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo naannawaa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti uggura namootaa, saamicha, fi gocha seeraan ala albuuda baasuu raawwachaa jiras jechuun hoggantoota Odeeffannoo fi Nageenyaa biyyoota lamaan Itoophiyaa fi Keeniyaa wabeeffachuun miidiyaaleen gabaasaa jiru

“WBOn garee shororkeessaa al-Shabaab kan Somaaliyaa keessatti socho’u waliin kallattiin walitti dhufeenya qaba. gareen kun dhiheenya kana lammiilee Kooriyaa lama butee Al-Shabaabitti dabarsee kenneera,” jechuun Itoophiyaan himatteetti. Dhimmoota Alshabaab fi buttaa lammiilee Kooriyaan wal qabatu irratti gabaasa kana hanga qindeeffannetti WBO’n deebii hin laanne

Fayyadamtoonni miidiyaa hedduun garuu waraana Bilisummaa Oromoo maqaa balleessuuf akka ta’e himaa jiran. Mootummaan Itoophiyaa itti yaadee waraana kana biyyootni addunyaa akka shororkeessummaan farrajaniif yaalii akkanaa taasisa jechuun hedduun qeeqa jiran.

Share this on: