Lolli Kaaba Itoophiyaa bifa haaraan TPLF fi humnoota Amaaraa gidduutti dhalateera.
Lolli Kaaba Itoophiyaa bifa haaraan TPLF fi humnoota Amaaraa gidduutti dhalateera.
Daangaa naannoo Amaaraaf Tigraay irratti waraanni Sanbata darbe eegale hanga ammaa akka adeemsifamaa jiru himame. Lola gaggeessaa jirtuun TPLF Raayyaa keessaa bakkeewwan hedduu dhuunfachuu ishee dhagaa’ameera. Allammaxxaa ammoo guutummaatti TPLF of harka galfachuu gabaasaaleen baha eeraa jiran.
Waggootaaf waraana jabaa keessummeessaa kan turte Kaabni Itoophiyaa dhiibbaa biyyoota alaaf keessaan walii galtee Piritoriyaan booda gara tasgabbiitti deebitee turte. Ta’us erga araarri mootummaaf naannoo Tigraay gidduutti dhalateen boodas akkaataa walii galteen hojiirra oolurratti wal atakaruun hammaataa ture.
Lola Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkoo oliif tureen namooti kuma dhibbootaan lakkaa’aman lubbuu dhabuu danda’aaniiru. Qabeenyaan biliyoonaan tilmaamu manca’uu danda’eera. Bu’uuraalee misoomaa hedduun daaraa ta’e, manneen barnootaa buufata waraanaatti jijjiiraman. Qiyaamaa kanaan lammiileen hedduun beelaaf saaxilamuu himamaa ture.
Barbadaa waraanaa kana nagaan qabanneessuuf mariin araaraa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti adeemsifame. Kanaanis nagaan bu’ee yeroof naannichi tasgabbii argatee ture.
Booda kana TPLF lafa humnaan yeroo waraanaa humnoonni Amaaraa uummata irraa buqqaasan irratti dhibdeen akka hammaate himataa turte. Inumaa bifa waliigaltee Piriitooriyaa kan eeggatee lafti Tigraay wayiita waraanaa qabame furmaata argataa hin jiru jette.
Mootummaan naannoo Amaaraa ammoo durumaa lafti jedhame kan naannichaa ta’uu ibsuun falmii hammeesse. Yaada kana qabbaneessuuf akka jaarsa Araraatti of dhiyeessuun mootummaan federaalaa refrandamiin akka hiikkatu yaada dhiyeesse.
Lafti Raayyaa kan daangaa Tigraay fi Amaaraa gidduu kanarratti uummata qe’eerraa buqqa’e osoo qe’eetti hin deebi’in rifirandamiin hin barbaachisu jechuun mormaa turte.
Mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa dhimma kanarratti yeroo hedduu ibsa wal utubu baasu. TPLF ammoo mootummaan nageenya tasgabbeessuu kan male dubbiin akkaataa qabbanaa’uu qabutti adeemuu dhabuusaaf komatti.
Baatii darbe keessa jechuun Bitootessa 25,2024 Tigiraay bulchiinsa naannoo Amaaraa dhimma kitaaba barnootaa naannichi maxxansee barattootaa raabsee irratti himataa turte.
Ibsa yeroo sana baafteen “Mootummaan naannoo Amaaraa dararaa fi gidiraa ummata Tigraay irratti raawwachaa ture, keessattuu iddoowwan naannoo Tigraay humnaan to’atan keessatti raawwateen gaabbuu osoo qabu dogoggora seenaa akkasii raawwachuun gatii akka isa kaffalchiisu beekee hatattamaan sirreessuu qaba” jechuun akeekkachiistee turte.
Mootummaan federaalaas gochaalee walfakkaataa kanaan dura dhaabbilee mootummaa federaalaatiin raawwataman, ammammoo mootummaa naannoo Amaaraatinkaraa itti gaafatamummaa hin qabneen kaartaa qophaawaa jiran sirreessuu fi tarkaanfii barbaachisu fudhachuurraa gocha raawwatame akka hin ilaalleetti darbuun isaa qaama balleessaa kanaa ta’uu agarsiisa jedha ibsi naannoo Tigraay baatii darbee kun.
Mootummaan naannoo Amaaraa deebii laateen TPLF dubbii na barbaadaa jirti jedhe. Karaa ittin dubbii barbaadan ta’uus caqase. Mootummaan federaalaa ammoo qabbaneessuu wayya akka jechuutti bira tare.
Dhimmi kun adeemsaa baatii muraasaa booda guddatee sadarkaa wal waraanuutti ce’uun Sanbata Duraa darbeerraa qabee lolli adeemaa jiraachuun barameera.
Godinni Naannawa Kibba Tigraay gama isaan rakkoon kan uumame hidhattoonni milishoota Tigraay irratti dhukaasa waan bananiifi jedheera.
Baatii Guraandhalaa eegalee aanota Raayyaa keessaa tokko kan ta’e Raayyaa Allaamaaxaatti walitti dhukaasuun irra deddeebiin mudataa jira.
Lola kana eenyu eegale kan jedhuuf naannoleen lamaanuu wal himataa jiru. Naannoon Amaaraa loltoota Tigraay dhukaasa eegale yoo jedhu TPLF gama isaan naannoon Amaaraa waraana nutti bannaan of ittisaa jirra jedheera.