Wadiddaa Siyaasa Itoophiyaa
Waldiddaa siyaasa Itoophiyaa ammaa keessa jiru.
ODM: Waxabajji 2,2024
Rakkoo siyaasa Itoophiyaa keessaa inni olaanaan hongaa’uu Dimookiraasiiti kan jedhan namooti siyaasaa hedduun biyyattii keessatti dirreen siyaasaa cufamaa ta’uu kaasu. Inumaa mormitootaaf dirreen siyaasaa biyyattii keessaa banaa akka hin taane irra deddeebiin ibsu.
Dimookiraasiin haqaa akka hin jiraanne taasisuun biyyattii gara hammaatatti geessuu keessatti qoodni mootummaa olaanaa ta’uu eeru. Inumaa mootummaan Itoophiyaa qaamota karaa nagaa qabsoo gaggeessan hidhuu, waajjira isaanii cufuu, gaggeessitoota adamsee ajjeesuun akka dargaggoonni fala dhumaa Qawwee taasifatan ulaa bane jechuun irra deddeebiin yaada isaanii dhiyeessu.
Mootummaan ammoo Biyyattii keessatti daandiin qabsoo karaa nagaa banaa ta’uu, mirgi abbaa barbaadan filachuu, abbaa barbaadan deggaru akka jiruuf mormitoonni mirga sochiif dimookiraasii isaanii eegamaa akka ta’etti dhiyeessa.
Haala kanaan guyyaa Kaleessaa Peresedaantii naannoo Oromiyaa fi komishinii Marii biyyaalessaa waamicha nagaa qaamota hidhannoon falmarra jiraniif dhiyeessan keessatti obbo Shimallis ulaan qabsoo karaa nagaa banaa ta’uu ammas irra deebiin dubbatan. Akkamiin banaa ta’uu isaa waan nama amansiisu irratti akkuma duraa waan dubbatan hin qaban. Ragaa qabatamaa daandii qabsoo karaa nagaaf biyyattiin mijataa akka jirtu mirkaneessu wanta dhiyeeffatan hin qaban.
Guyyaa kaleessaa boqonnaa hiree ofii afaan qawweefi qabsoo bosonaa keessa barbaadurra hinjiru jechuun kan ibsan Peresedaantichi, “Nagaa, nagaa, ammas nagaa kan jennuuf, fakkeessuuf ykn akkkeessuuf miti. Akka ummataatti, osoo sirna guddaa akka Gadaa, nurra darbee dhibee siyaasaa hawaasa biroofillee qoricha tahuu danda’u qabnuu, dhabaa fakkaachaa jirra.” Jedhan
Itti dabaluun “Akka namaatti, hiree nagaan jiraachuufi naannoo tasgabba’aa keessatti hojjechuu seeraan nuuf kenname osoo qabnuu, seeraa alummaan goolamaa jirra. Har’i kaleessa miti. Har’a ummanni Oromoo hiree qabsoo kitimaa guddaa kaffalchiiseen mirkaneeffate qaba. Har’a boqonnaa hiree ofii afaan qawweefi qabsoo bosonaa keessa barbaadurra hinjiru.
Boqonnaa jijjiiramaa keessa jirru kanatti, dirreen siyaasaa daandii qabsoo karaa nagaaf mijatu banameera. Abbaan birmadummaa aangoo heera mootummaatiin ummataaf kenname, qabatamaan akka hojiirra oolu taheera.” jechuun ibsan.
Dhugaa qabatamaa lafarra jiruun garuu uummatni Oromoo dararaa sirna bulchiinsa EPRDF kan TPLF gaggeefamaa ture caalu keessatti argamuu isaa mormitoonni himu. Kana malees akka paartilee mormituu hedduun ibsaa jiranitti biyyattiin bulchiinsa EPRDF duraa keessa dimookiraasii turellee dhabamsiisuun amma abbaan irrummaa dagaagee akka jiru ibsan.
Dirree siyaasaa karaa nagaa baname jedhamus cufaa ta’uu himama. Kanaafis hidhaa hogganoota paartilee mormituu Oromiyaa keessaaf kaan mudataa jiru fakkeenya olaanaa ta’uun eerama.
Bakka waajjirri paartii mormituu caasaa biyya bulchuun diigamaa ugguramaa jirutti dimookiraasiin jira jedhanii dubbachuun of sobuu yoo ta’een ala uummata sobuun akka hin danda’amne ibsu namooti siyaasaa
Nageenyi Oromiyaa keessaa boora’uu irraa kan ka’e biyyattiin gara hammaataatti adeemaa jiraachuu Addi Bilisummaa Oromoo akkasuma KFO’n ibsaa turan.
Biyyi kun mootummaa ce’umsaa akka ishee barbaachisu, akkasuma Marii biyyoolessaa hunda hammataa ta’e gaggeessuun akka ishee feesisu dhaboleen Oromoo kunneen irra deddeebiin gaafataa turan. Kunis bulchinsi biyyattii harka PP tiin erga qabamee booda ture.
Yaadaa jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo ABO fi KFO’n dhiyeessan kana mootummaan Itoophiyaa cimsee morme. Kaadirootaaf hogganooti PP hedduunis gaaffii mootummaa ce’umsaa kana akka baacootti fakkeessuun inumaa gaaffii hin barbaachifne jechuun kaasan.
Haalli kun garuu biyyattiitti waraanni guddaan itti fufiinsaan adeemu xumura akka hin arganne danquu hin oolle. Akkuma jaarmiyaaleen Oromoo jedhan marii biyyaalessaa hunda hammataa ta’e paartilee siyaasaa waliin waggaa sadii dura PP’n adeemsise osoo ta’e kasaaraan waraanaa amma adeemaa jiruuf lubbuun namoota kuma dhibbootaan lakkaa’aman har’a harcaa’aa jiruu baraaramuu mala ta’a.
Mootummaan Itoophiyaa ammaa akkuma Dr. Abiyyi Ahemad gara aangootti dhufeen qabsoo bilisummaa Oromoo kan karaa nagaan adeemsifamu, warraqsa uummataa qabaneessuu, bakkuma sanatti mormii uummataa dhaamsuu irratti fuulleffate.
Kanaafin dubbiiwwan siyaasaa kanneen akka mootummaan ammaa kan Oromooti jedhu, gaggeessitoonni Itoophiyaa ammaa ilmaan abbaa gadaati jedhutti dhimma bahuu filate.
Haalli kun dhugumaan akka milkaa’uuf taatota siyaasa kana nii kuulu jedhee yaadus hedduu uummatatti gadi baasee dubbiiwwan Oromoon barbaadu dubbachuuf hiree kenne. Haasaa kaleessa qabsaa’otni taasisan, kaayyoof akeekaa qabsoo bilisummaa Oromoo bulchitoota biyyaa afaaniin galmaan geenya jechuu yoo dhaga’u ijaarmaan hawwaasaa kaleessa ifatee mormiitti ka’e kallattiin qabbanaa’uu jalqabe.
Mormiin kunis erga qabbanaa’ee booda itti fufaa akka ta’uuf haasaawwan yeroo kennuufii qabna jedhan kanneen kaleessa adda durummaan mormiitti hawwaasa kakaasaa turan irraa dhagaa’amuun suuta suutaan mormiin uummataa akka dhabamu ulaa baneera.
Kana keessatti bulchiinsi biyyattii maqaa paartii isaa kan naannoo Oromiyaa OPDO kan ture gara ODP tti jijjiire. Kunis caasaan kaleessa OPDO jedhamu miidhama ulfaataa Oromoo irraan gahuu dubbateeti. OPDO kaleessa sirna EPRDF jalatti ajjeechaa, as buutee ilmaan namaa dhabamsiisaa turan kan jedhurraa ka’e. Dubbiiwwan kun kan hawwaasni Oromoo beeku yoo ta’an mootummaa irraa bakka miidhama isaa kana dhaga’uun dhugumaan mootummaan kun kan kooti ilaalcha jedhutti Oromoo dhiibuu danda’eera.
ODP maqaa jedhuun erga yeroo muraasaaf biyyattii gaggeesseen booda biyya kanatti nagaa buusuuf paartilee walitti ida’uu yaada jedhurraa ka’uun mootummaa naannolee dhabamsiisuuf adeemsi eegala.
Akka duraas naannoleen qofaatti of waamuun hafee paartii Badhaadhinaa qofaan akka of waaman taasifamuuf adeemsi jalqabe. Kun ammoo naannoo Tigraay dabalatee sirna bulchiinsaa biyyattii keessatti wal diiggaa hammeessuu jalqabe.
Adeemsi waraanni naannoleen qofaatti ajajan akka hafu taasifamuu, bulchiinsi naannoolees akka hafu taasifamuuf deemame naannoo Amaaraa fi Tigraay akka dallanan taasise.
Dallansuun sun waraanatti ce’uun waggoota lamaa ol kan ta’uuf kaaba biyyattiin akka hamaan wal waraansi adeemsifamuu danda’eera. Ammallee Faannoon naannoo Amaaraa keessatti hundaa’ee lolarra jiru kanneen yeroo sanatti diigamuu Liyyuu Ayilii Amaaraa mormaniin hundaa’uu himama.
Siyaasni Itoophiyaa erga Abiyyi Ahemad gara aangootti dhufee boqonnaa argata jedhamee abdatamus waraana hamaa keessummeessuu tartiibaan itti fufe.
Wayiita kun hundi ta’u garuu Bosonni Oromiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo danoomsee Bobbaasuun jabeesse. Haalli biyya kanaa ammas gara nagaatti deemaa hin jiru, biyyi kun mootummaa ce’umsaa barbaachisa gaaffii ABO fi KFO dabalatee paartileen mormituu biyyattii dhiyeessan hunda ta’aa ture
Ammoo mootummaan ammas kana fudhachuuf hiree laachuurraa of qoqqobe. Goolamni biyyattii keessaas hanguma mootummaan yaada furmaataa fudhachuuf ayyamamaa ta’uu dhabe dabaluu danda’e. Mariin rakkoo akka hiikkaataniif Waraana Bilisummaa Oromoo fi PP gidduutti sochiin taasifamaa tures sababa mootummaa ce’umsaa gaafatameef mootummaa biraa fudhatama dhabuu isaa, kanaaf gara nagaatti deebi’amuun hafee ammas waraanatti akka fuullaffatamu taasisu himama.
Kun ta’ee yeroon booda gaaffii ABO fi KFO akkasuma paartilee siyaasaa gaafataa turan dhimma Marii Biyyaalessaa jedhamu kana akka isa fayyaduu qabuutti dhimma itti bahuuf fudhate. Qaamolee marii kana gaggeessan caasaa dhuma isaan erga Muudee booda waayee marii biyyaalessaa kana balballoomsuu jalqabe. Duratti garuu dhimma kana mormaa tureera.
Haala kanaan dhimmi marii biyyaalessaa taphni siyaasaa mootummaan Itoophiyaa itti jiru kun jalqabe. Bu’aan mootummaan marii biyyaaleessaa kana irraa argachuuf abdatus dipiloomaatii isaa jabeessuun madda maallaqaa deggarsaaf liqiin argatu akka argamsiisutti yaadamee ta’uu himama.