Atakaaroon Somaaliyaa fi Itoophiyaa hariiroo akkamii waraana Isiraa’el fi Hamaas gidduu waliin qaba?

Dubbiin waraanaa gaanfa Afrikaatti ho’aa jiru, lola Raashiyaaf Yuukireeniif kaan waliin hariiroo qabaa?

Erga waraanni addunyaa lammaffaa bara 1945 goolaba argatee as dhibdeen biyyoota addunyaa sadarkaa waraana addunyaatti guddatee himamuu baatus wal atakaruuf wal dheekkamuun irra deddeebiin dhagaa’ama.

Biyyoonni addunyaa qabeenyaaf olaantummaa wal dorgoman ardii dachee kanarraa dhuunfachuu qofa osoo hin taane Ji’a irra qubachuullee hanga wal saamanitti gahaa jiru. Addumatti qoccollaan biyyoota sadarkaa guddinaa olaanaa keessa jiranii dhibdee bakkeewwan hedduutti dhalataa jiruuf akka Gaaza abiddaaf humna kennuu taasisaa jiran.

Chaayinaa fi Ameerikaa gidduu wal dorgommiim dinagdeef teknoloojii jiru akkasuma, Raashiyaaf biyyoota lixaa gidduu wal dorgommiin olaantummaa jiru addunyaa har’aa waraanatti oofuurraa duubatti jechaa hin jiru. Addunyaan har’aa bakka lamatti wal qooduun lola bakka bakkaa qabsiisuu irratti argama.

Waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa kan biyyoota lamaan maqaan adda durummaan ka’uutti haa fakkeeffamu malee harka biyyoota addunyaa baay’ee of duubaa qaba. Akkasuma waraana Israa’elii fi Hamaas gidduu dhalatee jiru waliin illee hariiroo bal’aa qabaachuu isaa akeektuuwwan hedduun mul’ataa jiru.

Ameerikaa fi biyyootni Awurooppaa hedduun gartuu Yuukireen ta’uun Raashiyaa yoo haleelan, Chaayinaa, Kooriyaa Kaabaa, Iraan fi biyyoonni hedduun gartokko dhabbachuun Raashiyaa kallattiif alkallattiin tumsuurraa duubatti hin jenne.

Wayiita harki Ameerikaa dheeratee Israa’el bira dhaabbachuun Hamaas fi Hisboollaa haleelu Raashiyaan dhukkubsuuf haaloo qabsiisuu irraa duuba kan hin jenne, waraanni Israa’el fi Hamaas gidduu hangam waraana Yuukireeni fi Raashiyaa faana hariiroo akka qabu mul’iseera.

Haalli kun muddama addunyaa dabalaa adeemuun biyyootni hedduun xiyyeeffannaa gara galaana diimaatti akka taasisan dirqeera. Kanarra dhaabbatamee yoo ilaalamu waraanni gaanfa Afrikaatti afarfamaa jiru kan Somaaliyaa fi Itoophiyaan qabsiisan qofa osoo hin taane biyyoonni olitti eeraman harka keessaa qabaachuu nama hubachiisa.

Akka odeeffannoon tokko tokko jedhutti gamtaan biyyoota Arabaa UAE’n galaana diimaa dhuunfachuuf fedhii olaanaa qaburraa duubaan Itoophiyaa xuqatee dhimmi sun akka ka’u taasisuutu eerama.

Mootummaan Itoophiyaa United Arab Emirates abdachuun ulaa galaana Diimaa argachuu akka dirqamaatti fudhatee hojiitti seenuu hin oolle. Kanaanis Somaaliiland waliin waliigaltee ulaa galaanaa Amajji 1,2024 Itoophiyaan mallatteessite.

Gaanfa Afrikaa akkasuma galaana diimaa qabachuun fedhii gamtaa biyyoota arabaa qofa osoo hin taane kan addunyaa ta’uu kan nama agarsiisu, akka haalli kun eegaleen Misir dhukkubsachuu, akkasuma Ameerikaa illee kan hin gammachiifne ta’uu mallattoowwan agarsiisan mumul’achuu jalqaban.

Haala kana keessatti Ameerikaan Misirii, Somaaliyaa fi gartuuwwan Itoophiyaa atakaraa jiran deggaruutti fuulleffatte. As keessatti ifatti baatee dhimma gaanfa Afrikaa dubbachuu baattus Chaayinaan wayiituma hokkorri naannichaa hammaataa dhufetti Itoophiyaa waliin michummaa qabdu akkaan ho’isuu itti fufteetti.

Bakka kanatti wanti hubatamuu qabu lola gaanfa Afrikaatti afarfamaa jiru kallattiin biyyoonni harka kessa galchatan, gartuu Itoophiyaa ta’uun: Somaaliilaand, Gamtaa Emireetota Araabaa, fi kaani. Gama Somaaliyaa dhaabbachuun ammoo: Eertiraa, Misirii dha.

Al kallattiin garuu waraana kana duuba harki Ameerikaa jiraachuuf harkisoon waraana Raashiyaa fi Yuukireen keessaa akka jiru agarsiiftuuwwan hedduu jira.

Tarii haala kanarra dhaabbatamee yoo ilaalamu waraanni addunyaa eegalamuu isaa takkiis ammoo eegalamuuf qophiitti jiraachuu nama tilmaamsisa. Gaanfi afrikaa tarsiimoo waraanaaf mijataa ta’uurraa naannicha qabachuun fedhii biyyoota wal dorgomaaf wal waraanaa jiranii ta’uun naannichi tasgabbii dhabiinsa hamaaf akka saaxilamu taasisaan sodaa guddaadha.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *