Tajaajila Community Link Services MN- Awol Windissa
Hawaasa Oromoo Magaalaa Lakkuu fi Naannawa Isheetiif Tajaajila Deeggarsaa
Lakkoofsi hawaasa Oromoo Magaalaa Lakkuu—Minneapolis fi Saint Paul—akkasumas naannawa ishee keessa jiraatu waggaa gara waggaatti dabalaa akka jiru ni dubbatama. Haa ta’u malee, namoonni hedduun sababa danqaa afaanii, odeeffannoo gahaa dhabuu fi tajaajiloota jiran sirriitti beekuu dhabuu irraa kan ka’e, tajaajila hawaasummaa fedhii isaanii madaalu argachuun isaan rakkisaa ta’uu danda’a.
Keessumaa maatiiwwan haaraa, godaantota, baqattoota, dargaggoota, maanguddoota fi namoota Afaan Ingilizii irratti gargaarsa barbaadaniif odeeffannoo sirrii fi qaama amanamaa bira ga’uun baayyee barbaachisaadha. Tajaajiloonni hawaasummaa jiranis yeroo baayyee walxaxaa waan ta’aniif, namoonni gara eessa akka deemanii fi eenyu akka quunnaman beekuun isaan barbaachisa.https://www.facebook.com/reel/2222289964997738
Community Link Services MN hawaasa Magaalaa Lakkuu fi naannawa ishee keessa jiraatu tajaajiloota adda addaa argachuuf odeeffannoo fi deeggarsa barbaadu waliin hojjechuuf qophaa’eera. Ilmaan Oromoo fi miseensonni hawaasa Diyaaspooraa tajaajiloota dhaabbatichi kennu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa barbaadan, Community Link Services MN kallattiin quunnamuu danda’u.
Tajaajila barbaaddan irratti ibsa argachuuf, gaaffii keessan dhiheessuuf yookaan deeggarsa isaanii ilaalchisee odeeffannoo dabalataa gaafachuuf karaa armaan gadiitiin quunnamaa:
☎️ Bilbila: 612-295-2522
📧 Imeelii: awolwin@yahoo.com
🔗 Marsariitii: communitylinkmn.com
Tajaajila isin barbaachisu, ulaagaalee isaa fi akkaataa itti fayyadamtan mirkaneeffachuuf Community Link Services MN dursee bilbilaan yookaan imeeliidhaan quunnamuun gaariidha.
Dhimmoota tajaajila isaanii hedduu irratti odeeffannoo dabalataaf ☎️612-295-2522 ykn 📤awolwin@yahoo.com 🔗Marsariitiin isaanii communitylinkmn.com
