Mariin rakkoo biyyattii keessaa furuun murteessaa ta’uu mootummaanis ta’e gama Waraana Bilisummaa Oromoo dhagaa’amaa jira.

Mariin rakkoo biyyattii keessaa furuun murteessaa ta’uu mootummaanis ta’e gama Waraana Bilisummaa Oromoo dhagaa’amaa jira.

ODM: Waxabajji 3,2024

Mootummaan Itoophiyaa yaada araaraa gama miidiyaan dhiyeessuu irra deddeebiin dhagaa’amaa. Kottaa galaa! Araara wayyaa gara nagaatti deebi’a dubbii jedhu yeroo hedduuf gaggeessitoota PP irraa dhagaa’ama.

Muummee Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemad tibbana wayiita daawwannaaf gara Wallaggaa deeman waanin uummataaf dhaamu jechuun dubbii dubbataniin nagaan rakkoo furanna kan jedhu ijoo dubbii isaanii ture.

Dhiyeenya ammoo Peresedaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa nagaa ammas nagaa kan jennuuf jechuun ergaa hawwaasa bal’aaf dabarsaniin nagaan rakkoo waraanatti biyyattii geessee jiru furachuun fedhii mootummaa akka ta’etti caqasan.

Haa ta’u malee yaada mootummaan Itoophiyaa yeroo baay’eef lallaba nagaa gama TV fi Raadiyoon dhiyeessu kun qofti furmaata waaraa argamsiisuu hin danda’u kan jedhan namootni siyaasaa qabatamaan hojjetee lafarratti agarsiisuu akka qabu gaafatu. Inumaa bakka namooti siyaasaa mana hidhaa jiranitti, kanneen manni murtii bilisa jedheen hidhaa siyaasaan waggoota shanii oliif yeroo dararaa argaa jiranitti yaada mootummaan afaaniin nagaa lallabu amansiisaa ta’ee hin muldhatu jedhuun.

Mootummaan akkuma afaaniin irra deddeebiin nagaa labsu gocha qabatamaan agarsiisuu akka qabu dhaamu.

Gidduu kana ammoo gorsaa olaanaa ABO-WBO kan ta’an obbo Jireenyaa Guddataa miidiyaa OMN irratti yaada laataniin “rakkoon baratamaan siyaasa Itoophiyaa keessa jiru inni ijoon rakkoo siyaasaa mariidhaan furuu dadhabuu dha jedhan.”

Mootummaan Itoophiyaa afaaniin marii jedhaa harkaan Oromiyaa keessatti waraana adeemsisaa jira jechuun yaada tibbana Peresedaantiin naannoo Oromiyaa dhiyeessan amanamaa akka hin taane caqasu.

Marii araaraa kanaan dura Taanzaaniyatti gaggeeffamaa ture keessatti qaamoleen araara buusuuf hirmaatan waan taajjabaa turan kan qaban yoo ta’u, kun immoo gaaffiin saba kanaa deebii argatu malee, rakkoon biyya kanaa furmaata waaraa argachuu akka hin dandeenye akeeka jedhan Gorsaa olaanaan ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo duraanis gaaffii mirgaa gaafatee yeroo deebii dhabetti lubbuu isaa baraaruuf of ittisuu mirga waan qabuuf, gara qabsoo hidhannootti seenuu dirqame jedhanii jiru.

Mootummaan biyya bulchaa jiru gaaffii ummanni Oromoo gaafate bu’uura irraa osoo hin deebisin nama ajjeesuudhaan furmaata fiduun hin danda’amu jedhan.

Osoo beekkumsaan biyyiti kan hoogganamtuu taatee rakkinaa fi gadadoon har’a keessa jirru kun silaa nu hin muudatu turee jedhan Obbo Jireenya Guddataa

Lola dhiyeenya kana Irbuu Shinniiggaa jechuun eegalameenis waraanni Bilisummaa Oromoo milkaa’aa jiru kaasaniiru.

Yaadni mariin furmaata ta’uu gama lamaaniinuu haa dhagaa’amu malee hojiirra oolmaa irratti mootummaan harkifannaa qabaachuu himama.

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna!

Share this on: