Wallagga Bahaa Kiiramuutti Barsiisaa dabalatee namooti 3 Faannoon ajjeefaman.

  1. Wallagga Bahaa Kiiramuutti Barsiisaa dabalatee namooti 3 Faannoon ajjeefaman.

ODM: Waxabajji 7,2024

Ilmaan Oromoo Wallagga Bahaa Kiiramuutti Mootoraan deemaa osoo jiranii Faannoon ajjeefamuu gabaasaan argame ifoomse.

Loltoonni Faannoo haleellaa hawwaasa nagaa Oromoo irratti raawwatan hammeessuun Oromiyaa keessatti of ijaaranii miidhaa dhaqqabsiisuu ammallee itti fufanii jiran.

Haala kanaan dheengadda jechuun Waxabajjii 5, 2024 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu irraa namoota imalaa jiran ajjeesuu gabaasaaleen ibsan.

Akka gabaasaaleen ifoomsanitti ilmaan Oromoo barsiisaa keessatti argamu Kiiramuu irraa ka’uun mootoraan utuu gara godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu magaala Agamsaatti deemaa jiranii laga Gonkaa ce’uun bakka Qoolloo jedhamutti Faannoo ajjeefamanii reefi isaanillee lagatti gatamuu barame. Reeffi namoota kanneenis kaleessa laga keessaa argamuu ibsameeti jira.

Namooti sadan akkeefaman kunneen
1, Barsiisaa Ayyaanaa Asaffaa Abdiisaa
2 , Gizaachoo Fayyisaa (Hojjetaa Mootummaadha) fi
3, Jalduu Galataa (Konkolaachisaa motor-saayikilii kan isaan geessa jiru ta’uu baramee jira.
Ammas taanaan bakkeewwan humnoonni Faannoo keessatti sochii taasisaa turan hedduun yaaddoo nageenyaa waan qabaniif uummatni keenya of eeggannoo akka gootan jechuun gabaasichi dhaameera.

Share this on: