Putin Kooriyaan Kibbaa akka Yuukireen hin hidhachiifne akeekkachiise.

  • Putin Kooriyaan Kibbaa akka Yuukireen hin hidhachiifne akeekkachiise.

Yaaddoo waraana addunyaa keessa galchee kan jiru waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa biyyoota hedduu ofitti hawwachuu danda’aniiru. Biyyoonnj wal waraanaa jiran hunduu baabsitoota gara waraanaatti osoo affeeranii mul’ataa jira. Ta’us sodaa Nukilaraa irraa madduu kan hin oolle biyyoonni hedduun Raashiyaa kallattiin waraanuu irraa of qoqqobaa jiru.

Haala kana fakkaatuun yoo Kooriyaan Kibbaa Yukireeniin hidhachiifte ‘’dogongora guddaa raawwatti’’ jechuun Pirezidantiin Raashiyaa akeekkachiisuu isaa miidiyaaleen gabaasaa jiran. Mata jabeessummaan isaa Ameerikaaf yaaddessaa ta’aa kan dhufe Putin biyyoota Yuukireen deggaranitti dhaadachuun kan jalqabaa miti. Kanneen Yuukireeniif meeshaa waraanaa kennanii nu lolchiisan nutis biyya biraa hidhachiifnee lolchiisuu wanti nu dhorku hin jiru jedhee torbanoota darban keessa dhaadachaa turuun nii yaadatama.

Dhihoo Kooriyaa Kaabaa kan daawwatan Putin, Yukireen waliin lolatti jiru. Dubbiin Puutin kan dhagahame Kooriyaan Kibbaa Yukireen hidhachiisuu yaaduushee erga ibsitee boodadha.

Kooriyaan Kibbaa kana kana jette erga Raashiyaafi Kooriyaan Kaabaa yeroo weeraraa wal bira dhaabbachuuf waliigaltee raawwatanii booda. Kooriyaan Kibbaa fi Kooriyaan Kaabaa biyyoota masaanuu ija hammeenyaa hamaan wal ilaaluu bira darbee wal waraanan yoo ta’u, biyyoonni lamaanuu michoota walii walii isaanii irratti yaada darbachuun kana duras dhagaa’amaa tureera. Kooriyaa Kibbaa duuba harki Ameerikaa kan jiru yoo ta’u, haalli kun ammoo Kim Jong Un bulchaa Kooriyaa Kaabaa akka Ameerikaa haalonfatu taasiseera.

Yoo Kooriyaan Kibbaa meeshaa waraanaa Yukireenif ergite Moskoon ‘’murtee hooggansa Kooriyaa Kibbaa amma aangorra jiru hin gammachiifne ni murteessiti,’’ jechuun Putiin rippoortarootatti dubbatan.

Puutin kana dura kanneen biyyoota Lixaa dura dhaabbatan hidhachiisuf yaada akka qaban dubbatanii turan. Yoo US fi michoonni ishee Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiheessuu itti fufan, Kooriyaa Kaabaa akka hidhachiisan dhaadataniiru.

Dubbii Puutin booda Kooriyaan Kibbaa Yukireen hidhachiisuf ‘’filmaata garagaraa’’ akka ilaaltu dubbatte.Kunis akkaataa Raashiyaarratti hundaa’eeti jette.

Kooriyaan Kibbaa Ambaasaaddara Raashiyaa waamtee waliigaltee waraanaa Kooriyaa Kaabaa waliin seenan akka haqan gaafatte turuu ishee miidiyaaleen gabaasaniiru.

Share this on: