Wellisaa Oromoo beekamaaf jaallatamaa kan ture Daagim Mokonnon amantii Kiristaanummaa fudhachuun ijoo miidiyaa hawwaasaa ta’e.

Wellisaa Oromoo beekamaaf jaallatamaa kan ture Daagim Mokonnon amantii Kiristaanummaa fudhachuun ijoo miidiyaa hawwaasaa ta’e.

ODM: Waxabajji 24,2024

Wellistoota Oromoon qaba jedhaman keessaa tokko kan ta’e Daagim Mokonnon tibbana kiristaanummaa fudhatee osoo sirna cuphaa taasisuu suuraan bahe ijoo miidiyaa hawwaasaa ture.

Wellisaa buleessi sagalee kiilolee kun artii Sirbaa keessaa of baasuun gara amantaatti deebi’uun qeeqaa akkasuma yaada jajjabeessaas argate. Hawwaasni kaan ergaa baga gara gooftaattii deebite jedhu yoo maxxansan kaawwan ammoo yaada isaa kana hin deggarre.

Inumaa hora Bishooftuutti sirna akkanaa raawwachuun sirri miti jechuunis mormiin dhagaa’ameera. Kanneen yaadicha morman gocha Daagim kana yakka taasisuun dhiyeessuu yaalaniiru.

Wellisaan kun sirboota dhama qaban kanneen akka “Agadaa Birraa, Wayyoo Yaa sangaa dhabaa, Wal hin qoodinaa” jedhan dabalatee welluu hedduu hojjeteen marartee addaa hawwaasa isaa Oromoo biraa qaba. Tibbana magaalaa Bishooftutti gara amantaatti dhufuu isaan ammoo komis ta’e yaada jajjabeessaa deggartoota isaa biraa argatee jira.

Daagim Godina Wallagga Lixaa Magaala Gimbiitti dhalatee Guddate. Ijoollummaarraa jaalala sirbaatin kan qabame artist Daagim Mokonnin, jaalattoonni isaa maqaa Masoo ‘Kiilolee’jedhuun waamu. Kunis sagaleen isaa bareedaa ta’uusaa ibsuufidha.

Wallee 50 ol uummata bjraan gahuu kan himamu Daagim, wellistoota jaalala addaa qaban keessaa tokko. Tarii qeeqni irratti dhiyaates marartee qabanuuf jecha ta’uu hin oolu nama jechisiisa.

Dhiibbaa siyaasaa bara ”Wayyaanee” keessa tureen biyyaa baqachuu kan himu Daaagim, yeroo weellisaa Eebbisaa Addunyaa ajjeefamu namoota itti dhihoo turan keessaa tokko akka tures himama. Adamoo hedduu jala turuu kan himu Daagim gidiraa hedduu akka dabarse eerama.

Kanaan dura wellistoonni akka Abbitoo Kabbadee, Abbabaa Abbashuu fi kaan gara amantaa kiristaanaatti deebi’uun nii yaadatama.

Share this on: