Artist Soorsaa Lammii dhibee isa mudaterraa bayyanachuu dadhabuun lubbuun isaa kan darbeef har’a sirni awwaalchaa taasifameef

Artist Soorsaa Lammii dhibee isa mudaterraa bayyanachuu dadhabuun lubbuun isaa kan darbeef har’a sirni awwaalchaa taasifameef

Qoosaawwan adda addaa dhiyeessuu akkasuma madda miidhagina sirboota afaan Oromoo duuba turuu isaa kan himamu artist Soorsaa Lammii kaleessa Waxabajjii 24,2024 du’aan boqochuu isaa barameera. Artist kun dhibee irra bubbulerraa bayyanachuu dadhanuun dhukkubsatee osoo yaala irra jiruu Hospitaala Phaahulositti du’uu isaati kan eerame.

Sorsaan aartii Oromoo keessatti waggoota 30n darbaniif nama gumaacha olaanaa taasisuu isaatu eerame. Aartii Oromoo guddisuu keessatti seenaaf duudhaa Oromoo bifa sirbaan, diraamaan, koomeedii fi beeksisa adda addaan Akkasumas Aadaa fi Afaan Oromoo guddisuu keessatti nama gahee ol’aanaa taphatedha.

Gumaachi Soorsaan saba isaaf godhe Artii qofaan osoon taanee, qabsoo Oromoo keessattis nama shoora guddaa taphataa ture ta’uu seenaan ragaa isaa ibsa. Haala kana keessatti du’aan dhabuutti jaallattoonni artii Oromoo hedduun gadda itti dhagaa’ame ibsataa jiran.

Guyyaa har’aas Sirni awwaalcha Artiist Sorsaa Lammii magaalaa Finfinnee Bataskaanaa Yooseefitti raawwatamuu barameera.

Share this on: