Somaaliyaaf Itoophiyaan jechoota walitti darbachuurraa gara Boonbii walitti lakkisuutti ce’an

Itoophiyaan seeraa ala daangaakoo seente jechuun Somaaliyaan UN irratti himatte.

Gaanfa Afrikaatti waldhabdee suuta suuta jabaataa dhufe dhimmi Somaaliyaa fi Itoophiyaa sadarkaa waraanaan wal doorsisuutti ce’eera. Kun ammoo nageenya naannichaa sodaa keessa galcheera. Erga waa’een ulaa galaanaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessite dhagaa’amee as biyyooti lamaan jechuun Somaaliyaa fi Itoophiyaan yaada walitti darbachuu itti fufaniiru.

Tarii dhimmi kun guddatee sadarkaa Boonbii walitti darbachuutti ce’uufi sodaan jedhu ammoo tibbana dhagaa’ame. Akka kanaan Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa ce’uun biyyashee seenuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti himattee jirti.

Haalli kun ammoo biyyooti lamaan dhibdee isaanii gara waraanaatti dhiibaa akka jiran akeeka kan jedhan waraana naannichatti dhalachuuf jira sodaa jedhu kaasu.

Somaaliyaan dhimma kana karaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti  bakka bu’aa Somaaliyaa kan ta’an Abukar Dahir Osman dhiyeeffatte.

Qondaalli kun akka jedhanitti loltoonni Itoophiyaa ”kallattiiwwan hedduun” daangaasaanii cabsanii seenuu Mana Maree Nageenyaa jaarmiyaa addunyaa kanatti himataniiru.

Akka qondaala Somaaliyaa kanaatti loltoonni Itoophiyaa daangaasaanii cabsanii seenuu himatan kunneen qaama loltoota Gamtaa Afrikaan ramadamanii miti.

Loltoonni Afrikaa ergama nagaa eegsisuu fudhatanii Somaaliyaa keessatti ramadamanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti hoogganaman kan Itoophiyaan miseensa hedduu keessaa qabdu ATMIS jedhamu.

Ta’ullee kan obbo Osmaan jedhan inumaa loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa Somaaliyaa seenuu qofa osoo hin taane ”humnoota Somaaliyaa waliin waldura dhaabbannaa hamaa keessa galaniiru,”.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa kanarratti hanga yoonaa homaa hin jenne. Miidiyaan Somaaliyaa akka gabaasanitti loltoonni Itoophiyaa biyyattii seenan kumaan kan lakkaa’amaniidha.

Itoophiyaan waraana gosa lamadha kan ishiin Somaaliyaa keessaa qabdu. Tokko Gamtaa Afrikaa jala kan sosso’u (ATMIS) yoo ta’u kan lammataa waliigaltee biyyoota lamaan kan bobba’edha.

Gamtaa Afrikaa jala yoo xiqqaate loltoota 3,000 akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan immoo loltuun Itoophiyaa 5,000 – 7,000 ta’u bakkeewwan Somaaliyaa adda addaa keessa qubateera.

Mootummaan Somaaliyaa waraanni gosa lamaanuu akka isaan bahan akka barbaadu aangawoonni biyyattii himaniiru. Ammoo kan tibbanaa waraana kanneen keessa kan jiran miti akka himannaa kanaatti.

Share this on: