Tapswap dabalatee wantootni gama Telegram hawwaasni walii qoodu hangam amansiisaadha?

Tapswap dabalatee wantootni gama Telegram hawwaasni walii qoodu hangam amansiisaadha?

ODM: Waxabajji 26,2024

Tibbana gama Telegrama airdrop hedduun maallaqa argamsiisa jedhamuun ijoo dubbii hawwaasaa ta’eera. Hamster Combat fi Tapswap tapha gama Telegram deemaa jiran keessaa isaan ijoodha.

Waan kun link isaa bananii fuula bilbilaa rurrukutuu qofaan maallaqa akka argamsiisu dubbatama. Akka ragaatti ammoo Toncoin kan jedhamu isaan kana dura rurukutamaa turee maallaqa argamsiisu isaatu kaafama.

Akka namooti hawwaasa amansiisuu yaalan jedhanitti Telegram’n miidiyaalee maallaqa kaffalaa jiraniin wal dorgomaa akka jiruttidha. Kanaafis daldala dijitaalaa keessa of galchaa akka jirutti eerama. Wallet dhuunfaa isaas Telegram dhiyeenyuma ifa taasise.

Namooti dhimma Tap Tap kana yaada adda addaa dhiyeessu. Dhibbantaa walakkaa kan kaffalu yoo kaasan kaffaluu dhiisuus akka danda’u eeru. Namooti miliyoona 150 ol ta’anis waan kanatti seenanii akka hojjetaa jiran eerama.

Akka himamaa jirutti Tapswap July 1 booda kaffaltii eegala abdii jedhuu hawwaasaaf waadaa galuu eerama. Ogeeyyiin dinagdee dhimma kana irraa namooti akka of qusatan dhaamu. Yeroo isaanii akka hin gubne, maallaqni tola namaa kaffalamu akka hin jirre gorsu.

Kanneen Teknoloojiitti dhiyoo ta’an ammoo waan kun baasii nama baasisu waan hin qabneef wayiita boqonnaa isaanii namooti rurrukutanii Coin walitti akka qabatan gorsu. Kunis shakkii kaffaluu mala jedhurraa kan ka’e.

 

Share this on: