Jaarsummaan Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliigaltee malee beellaman xumurame

Jaarsummaan Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu ta’amaa ture beellamaan adda bahamuu gabaafame.

Erga baatii Amajjii dhimmi waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand fi Itoophiyaa gidduu ka’een booda hariiroo Itoophiyaa fi Somaaliyaa hammaataa dhufetti xumura taasisuuf Tarkiitti Jaarsummaan ta’amaa ture beellamaan adda bahamuu maddeen himan.

Kanaanis tibbana mariin marsaa jalqabaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu Ankaaraatti gaggeeffamaa ture xumuramuu eerameera. Marii haala mijeessummaa mootummaa Tarkiin gaggeeffame kanarratti biyyoonni lamaan “waldhabdee gidduu isaanii karaa nagaan furuufi ji’a Fulbaana dhufu irra deebiin walarganii mari’achuuf” waliigaluu beeksisuu isaanii miidiyaaleen gabaasaniiru.

“Mariin gaarii gaggeeffameera. Ministiroonni dhimma alaa dhuma baatii Fulbaana irra deebiin walarganii mari’achuuf beellama qabachuun xumurameera. Biyyoonni lamaan marii kana itti fufsiisuun garaagarummaa isaanii mariidhaan hiikuuf waliigalaniiru,” jedhan Ministirri Dhimma Alaa Tarkii Hakaan Fidan

Mootummaan Itoophiyaa ibsa har’a baaseen, marii Ankaaraatti gaggeeffame kanarratti jilli biyyoota lamaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Taayyee Astqasillaasee fi Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Faaqii durfaman hirmaachuu ibseera.

Mariin ministiroota lamaan haala mijeessummaa mootummaa Turkiin gaggeeffame kun dhimmoota waldhabdee biyyoota lamaan gidduu uumameef furmaata ta’an irratti yaada michummaa kabajuun yaada isaanii ibsataa turee ibseera.

Biyyoonni lamaan waldhabdee gidduu isaanii jiru nagaan furuuf kutannoo qaban ibsuun, marii marsaa lammataaf Fulbaana 02, 2024 walarguuf beellama qabachuu eereera.

Kun kanaan osoo jiru, xumura marii marsaa jalqabaa hordofee Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad yaada laataniin, Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin mallatteessite haquuf mallattoo akka hin agarsiisne dubbataniiru.

“Itoophiyaan sarara qabattee irraa deebi’uuf fedhii hin agarsiisne” kan jedhan pireezidaantichi, mariin kun haala mijeessummaa mootummaa Tarkiin akka gaggeeffamu kan gaafatte Itoophiyaa ta’uu eeruun, ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaan fuulleetti walarganii marii akka hin taasifneefi giddu seentummaa Tarkiin marichi gaggeeffamuu himan.

Mootummaan Somaaliyaa ibsa baaseen, mariin kun garaagarummaa ilaalcha guddaa kan mul’ise ta’uu eeruun, keessumaa mootummaan Somaaliyaa ejjennoo jalqabaa “mootummaan Itoophiyaa waliigaltee seeraan alaa Somaalilaand waliin mallatteesse haquu qaba” jedhu eeggachuu isaafi mootummaa Itoophiyaa irraa yaada kana simachuuf fedhiin jiraachuu dhabuu ibseera.

Biyyoonni lamaan dhimma ulaa galaanaan hariiroon isaanii hubamaa kan deeme yoo ta’u, kunis dhimma Somaalilaand biyya of dandeessee yeroo dheeraaf bulchiinsa mataa isheen bulaa jirtu kan beekamtii addunyaan biyyummaan ishee hin fudhatamne irratti ture. Somaaliyaan biyyattiin naannoo ishee keessaa tokko ta’uu ibsiti.

Dhimmi ulaa galaanaa naannoo osoo hin taane bulchiinsa olii waan ilaaluu qabu naannoo waliin mallatteessuun birmadummaakoo xuqeera jechuun UN irratti himataa turte. Itoophiyaan ammoo kasaaraa ulaa galaanaa dhabuun ishee mudate ibsachuun walii galtee seeraawaa Somaalilaand waliin kan goote ta’uu ibsaa turteetti. Dhimmi kun sadarkaa waraanaan dhaadachuuttis geesseera.♦

Share this on: