Ilfinash Qannoo badhaasa Haacaaluu Hundeessaa umurii guutuu injifatte

Ilfinash Qannoo tibbana badhaasa Hacaaluu Hundeessaa marsaa 3ffaa irratti badhaasa umurii guutuun injifachuu eerameera.

ODM: Adoolessa 2,2024

Tibbana sirni badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa 3ffaan Artisti Ilfinash Qannoo badhaasa umrii guutuu argatte. Kun osoo hin ta’in dura ammoo gara waldaa Araaraa deemuun amantaa fudhachuu ishee miidiyaa hawwaasaan qoodamaa tureera. Fayyadamtoonni miidiyaa muraasni dhimma amantaa (afuuraaf) jireenya foonii waliin hin deemu jechuun qeequ. Ofii Ilfinash Qannoo eessatti dhalatte. Waan seenaa Ilfinash Qannoo kan iyyaafannerraa muraasa akka gadiitti dhiyeessineerra.

Wellistuu akkasuma kan uummatni bal’aan cimsee ittiin beeku ammoo qabsooftuu ejjennoo hin daddaaqamne qabdu fakkeenya dubartii Oromoo jedhuun. Ilfinash Qannoo Qawwee kaaftee dhukaasuurraa hanga welluu warraaqsaan uummata daddammaksuutti qooda olaanaa bahatteetti. Uummata Oromoo bal’aa biraas kabajaaf jaalala guddaa horachuu kan damdeesse ejjennoo ishee ganamaa waliin cichoominaan har’a gahuu isheeti.

Ilfinash Qannoo akka seenaan ishee himutti Dhiha Oromiyaa Naqamtettin dhalatte. Garuu; dhiibbaa sirna darberraa ishee mudataa tureen baay’ee bakka itti dhaladhe sana hinteenye. Qe’ee dhalootaa isheetii Dargiin baafnaan Finfinneetti baqatte. Kun bara 1969 akka lakkoofsa Awuroophaa ta’uu himama.

Akkuma nama Jarmanitti baqatuu Finfinneetti baqanne jechuun waan keessa turte Gaazixeessitootaaf himaa turuu ishee eerama. Finfinnee keessatti miliqqee tika mootummaa jalatta gidiraan rakkinaa akka ishee quunnamaa ture eerama. Ta’us Finfinneen namoota hedduun akka wal bartu ishee taasisuu hin oolle.

Kanaanis wellistoota akka Abbitoo Kabbadaa, Zarihuun Wadaajoo waliin Finfinnee mandheeffattee jiraachuuf dirqamte. Sababa siyaasaaf jecha namni mootummaa Dargii waan sidaatuuf ofitti butuu akka duduu akkasuma namooti hedduun qoollufachuun sadarkaa waan nyaataaf dhugaatii rakkatanitti gahaa akka turan himama.

Maatii Qote bulaa irraa kan dhalatte Ilfinash Qannoo rakkina kamiif osoo hin jilbeenfatin kaayyoo ishee qofatti fuulleffachuu dandeesseetti.

Walleewwan hedduus uummata biraan geesseetti. Waa’ee maatii ishee gaafa dubbattu Ilfinash “Qote bulaa keessaa iyyuu, harka qalleeyyiidha warrikoo jetti. Ijoollummaa dhuma kootii qabeen an, waan dhiirri godhu gochuu jaalladha. Ijoollee ta’ee
geeraran ture. Iyyuummaan kun maaliifi? Jedhee ofin gaafadha ture. Namni maaliif wal
caalan jedha ijoollee ta’ee. Abbaankoosoo inqotaa, maaliif namni wal caalaan jedha ture.
Hunduu tokkon jedha, isa namni wal caalu hinjaalladhu.” Jetti. Kun qabsoo gochaa turteef itti jirtuuf ka’umsa ta’uu ibsiti.

Share this on: