Waraanni Bilisummaa Oromoo uggura barataa keessaa harka akka hin qabne, gochoonni akkanaa kan qaama mootummaa ta’uu ibse

Waraanni Bilisummaa Oromoo uggura barataa keessaa harka akka hin qabne, gochoonni akkanaa kan qaama mootummaa ta’uu ibse

ODM: Adooleessa 12,2024

Mootummaan Itoophiyaa yakka hedduudhaan WBO himachuun isaa irra deddeebiin dhagaa’ama. Inumaa ajjeechaa ofii taasise dabalatee kaawwan gaafa raawwataman, uggura namaaf kaan waraana Bilisummaa Oromootiin akka raawwatutti dhiyeessa.

Kun ta’ee WBO’n uggura barattoota yuunivarsiitii keessaa ‘harka hin qabu’ jechuun yakka akkanaa mootummaan akka harka keessaa qabu ibse.

Ibsi kun barattoota Dabaarq Yuunivarsitii irraa gara Oromiyaa galaa jiran ugguraman jechuu hordofee yakka kana keessaa akka hin qabne hubachiise. Uggura barattootaa naannoo magaalaa Garba Gurraachaatti raawwate jedhamu kana keessaa harka hin qabu jedha ibsi WBO kun. Yakka akkanaa mootummaa raawwatee ittiin maqaa balleessiif yaada akkanaa dhiyeessa jedha ibsichi

Ibsi WBO kun yakki kun ”kaadiroota sadarkaa gadii, basaastotaa fi humnoota nageenyaatiin raawwatame” jechuun hubachiise. Mootummaan “oppireeshinii gaggeesseen” barattoota 160 uggura hidhattoota jalaa gadi lakkisiisuu ibsuus, maatiin barattootaa garuu haalli jiru waan mootummaan jedherraa faallaa ta’uufi ammallee ijoolleen isaanii haala nageenya isaanif yaaddeessaa ta’e keessa jiraachuu himan.

Caasaaleen mootummaa Itoophiyaa kanaan dura abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeesuun akka waan WBO’n ajjeefamaniitti ibsaa turan. Oolee bulee garuu jaarmiyaa mirga namoomaaf hawwaasni ajjeechaan sun qaama mootummaan raawwachuu mirkaneessa. Tarii yakkooti akkanaas akkas ta’uu hin ooluun shakkii namootaati

Share this on: