Jimmatti waan samiirraa tibbana bu’e qoratamuufi

Godina Jimmaatti wanti samiirraa bu’ee argame akka qoratamuuf Yuunivarsitii Jimmaa garee ogeeyyii ijaare

Wanti qaama saalaa dhiira ykn Bokkuu fakkaatu tibbana samiirraa Godina Jimmaa keessatti bu’e ijoo miidiyaa hawwaasaa ta’eera. Namuu akka akka yaada isaatti ibsa itti laataa jira.

Kanneen ayyaantummaa abbaa Oromootti amanan wanti Bokkuu fakkaatee bu’e kun hiikkaa bal’aa qabaachuu ibsu. Namuu gara aadaaf duudhaa isaatti akka deebi’u akeeka kan jedhanii katabanis jiran.

Waaqayyo hangam hawwaasa Oromootti dhiyoo akka jiruuf agarsiiftuudha kan jedhan, dhimmichi waan akka qoosaan bira darbamu akka hin taane kaasu. Inumaa dhimmi duudhaaf aadaa Oromoo xiyyeeffannaa akka argatuuf waan dhaamu qaba jedhu.

Kaan ammoo Waaqayyo uummata Jimmaa nii jaallata, garraamummaa isaanii waan mararfatuuf waan gatii qaalii ta’e kana kenneef. Akka uummatichatti dhiyoo jiru agarsiisuuf kana godhes jedhan.

Baayyeen namaa ammaa dhimma kanatti nii qoosan. Tapha taasifataniiru. Jechama Oromoo isa “Dachee niitii waaqaa” jedhu dura buusuun waan samiif lafa wal quunnamsiise fakkeessuun yaada isaanii ibsatan.

Kaawwan ammoo inumaa kana miidiyaa irra hin naannessinaa nama qaanessaa kan jedhanis danuudha. Kun yaada hawwaasa miidiyaa fayyadamanii muraasa yoo ta’u Yuunivarsitiin Jimmaa ammoo dhimma kana qorachuuf xiyyeeffachuu ibseera.

Taatee aanaalee Godina Jimmaa keessatti Jimaata galgala naannoo sa’aatii lamaaf walakkaatti wanti akka sibiilaa fakkaatu sagalee guddaan samiirraa lafatti bu’uun gabaafamee booda suuraan ibsame kana qorachuliisuuf garee ijaaruu Yuunivarsitichi ibsaa jira.

Wanti argame kun yeroo ammaa qorannaaf Waajjira Foolisii akka jiru himama.

Waajirri Pireezidantii Yunivarsii Yuunivarsitii Jimmaa ibsa Wiixata ganama baaseen wantootni samiirraa bu’an jedhamee miidiyaa hawaasaarratti qoodamanii mul’atan kun Astirooyidii ykn Meetiyooraayits ta’uu danda’uu jedheera.

Astirooyidiin qaamota akka pilaanetii xixiqqaa pilaanetootaa Maarsiifi Juppitar gidduu taa’nii aduutti marsaniidha. Meetiyooraayits kan jedhaman ammoo qaama akka dhagaa sirna soolaarii keessa socho’aniidha.

Yunivarsiitiin Jimmaa tilmaamni jiru wanti bu’ee lafatti argame Astirooyidii ykn Meetiyooraayits ta’uu malus ammatti qorannoon laabraatooriifi kaan hin godhamne jedheera.

Kanaafis ogeeyyii astiroofiizksii, keemistiriifi kaanis of keessaa qabu tokko ijaaruun wanta kufee argame kana akka qoratu waajirri Pireezidantii ibseera. Gareen kun Inistitiyuutii Ispees saayinsiifi Ji’oospaashaalii Itoophiyaa waliin akka hojjetu beeksiseera.

Wanta kufee argame kana gara laabraatoorii Yunivarsiitichaa fiduufis qophiin godhamuu himeera. Akka ibsi Yunivarsiitichaa himutti wanti samiirraa bu’e jedhame kun naannoo magaalaa Aggaaroofi Jimmaa keessatti kufe.

Sagalee qaqqawwisa guddaan lafa sochoosee aanaalee godina Jimmaaf magaalaa Jimmaa hedduu keessatti rifaatuu guddaa dhageessisee ture wanti jedhame kan bu’e.

Waan kanas hawwaasni argee qaama mootummaaf kennee jira. Wanti samiirraa bu’e kun gosa lamadha. Tokko Bokkuu ykn qaama saalaa dhiiraa fakkaata. Kaan ammoo quruurumaa wayiiti. Gabaasa kana hanga qixeessinetti aalummaa waan kanaa hanga ammaa tilmaamaan ala qorannaan waan bira gahame hin jiru.

Share this on: