Mootummaan PP immaammaa aangoo yookan du’a jedhu hordofa jedhan Professor Mararaa Guddinaa

Ibsa koree giddu galeessaaf taasisaniin Piroofeesar Mararaan mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf fedha hin qabu jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa daandii nagaa buusuu filachuurra gara waraanaa filata kan jedhan komii hawwaasa hedduuti. Baala kanaan tibbana kora kan gaggeeffate jaarmiyaa siyaasaa Oromoo KFO’n nagaan biyyattii keessatti akka uumamuuf mariin nagaa murteessaa ta’uu himaa turanis mootummaan fedha akka hin qabne caqasan.

Itoophiyaa keessatti mariifi nagaa waaraa buusuu kan jedhu dubbachaa har’a geenye, garuu gareen aangoo mootummaa irra jiru dhaga’uu hin fedhu jedhan Piroofeesar Mararaa Guddinaa haasaa Koree giddu galeessaa KFO tibbanaa irratti taasisaniin.

Nami siyaasaa buleessi kun dhaabolee siyaasaa, hawaasaafi dippilomaatota biyya keessaafi alaa waliin ta’uun yaaliin nuti hin taasisiin hin jiru jedhu. Garuu, gareen aangoo mootummaa qabatee jiru mariifi araara haqa qabeessa hin barbaadan kan jedhan, aangoon harka keenya jira; harka kennadhaa nutti dabalamaa, aangoo isiniif qoodna fi waan kana fakkaatu jechuu irraan kan hafe, uummanni Itoophiyaa siyaasa wal ajjeesuu keessaa ba’uun gara siyaasa mariin geggeeffamutti akka seenu hin barbaadan jedhu Piroofesar Mararaan.

Itoophiyaa keessatti nageenyi waaraan kan milkaa’u humnoonni siyaasaa hundi hiree wal qixaan yoo irratti hirmaatan qofa kan jedhan, mootummaan biltsiginnaa garuu komiishinii marii biyyoolessaa isiniif qopheesseeraa koottaa itti hirmaadhaa jedhe jedhu.

Irra deddeebiin waan himaa turre komiishiniin marii biyyoolessaa kan paartii biltsiginnaa qofa akka hin taanedha kan jedhan Piroofeessar Maraaraa Guddinnaa, adeemsi ijaarsa komiishinichaa bilisa miti jechuun marii haqa qabeessaaf qaamni sadaffaan barbaachisaa ta’uu eeran.

Akka aadaa Itoophiyaattis jaarsa araaraa kan lakkaawwatu qaamota wal dhaban lamaan irraati malee, gama tokkicha qofaan mitii kan jedhan adeemsa kanaaf immoo mootummaan biltsiginnaa eeyyamamaa akka hin taane ibsan.

Haala qabatamaa amma jiru kanaan nageenyi fi tasgabbiin, sirni dimokiraasii haqaa fi misoomni hiika qabeessi biyyattii keessatti dhufuu akka hin dandeenye ibsani jiru.

Itoophiyaa keessatti adda durummaan rakkoo kan uumu mootummaadha kan jedhan Piroofeesar Mararaan hooggantoota ABO mana hidhaa keessatti dhiisee Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari’achuuf Taanzaaniyaa deemuun qoosaadha jechuun ibsan.

Itti dabaluun mariifi araara dhugaa feenaan jalqaba kanneen mana hidhaa jiran hiikamuufi marii qaamota dhimmi ilaallatu hunda hirmaachisu ta’uu qaba jedhu.

Mootummaan adda durummaan akka rakkoo uumaa jiru, ammallee hireen rakkoo jiru mariin furuufi nagaa waaraa buusuu harka mootummaa jiraachuu himu.

Yeroo mootummaan marii haqa qabeessaaf kutannoo qabu argisiisee qaamonni biroo didanitti qaamota didan sana akkuma amma mootummaa komachaa jirrutti sababni hin komanneef hin jiru kan jedhan PiroofeesarMararaa, hireen waan hunda tolchuufi balleessuu mootummaa harka jiraachuu ibsani jiru.

Qabsoo uummanni Oromoo, qarreefi qeerroon itti dhume akka hin fashaloofneef kallattii fi al kallattiin himaa turre kan jedhan dureen KFO, gareen aangoorra jiru imaammata aangoo ykn du’a jedhu waan hordofaniif kan morminu jedhan.

Mariin biyyoolessaa qaamota hunda kan hirmaachiseefi qaamni mari’achiisu walaba ta’uu qaba kan jedhan, biltsiginnaan garuu waan hunda kan isaaf ta’u uumee koottaa hirmaadhaa jedhee waamicha taasisa jedhan.

Haala kanaan mariin biyyoolessaa hin milkaa’us, nagaan waaraafi tasgabbiin biyyattii keessatti dhufus hin jiraatu jedhu Piroofeesar Mararaa Guddinaa.

Share this on: