Manneen uummata Salaalee keessatti waraana mootummaan gubachuu dhagaa’ame

Salaalee aanaa Hidhabuu Abooteetti manneen uummataa abiddaan gubachuu gabaafame.

ODM: Adooleessa 18,2024

Humnoonni mootummaa manneen uummataa deggaraa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun gubanii mancaasuun ammallee daangaa hin godhanne. Tooftaa siyaasaa taasifatanii kan socho’an waraanni mootummaa dahoo Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiifna yaada jedhuun manneen uummataa gubanii barbadeessuu gabaasaan bahu irra deddeebiin hubachiisa.

Akka kanaan Oromiyaa Godina Salaalee Aanaa Hidhabuu Abootee ganda Yaayyaa Alangoo iddoo addaa Abootee jedhamuun beekamutti humnoonni mootummaa manneen uummataa gubuu barame.

Kun kan ta’e Wiixata dheengaddaa jechuun Adoolessa 16 bara 2024 yoo ta’u, manneen uummataa baay’inaan saddeet ta’u ibidda itti qabsiisuun gubanii deemani jedhame.

Sababaa dhiyaateef lolli Aanaa Hidhabuu Abootee ganda Yaayyaa Alangootti dheengadda  WBO fi humnoota mootummaa gidduutti adeemsifamuun booda ta’uudha kan himame.

Waraana kana keessa hooggantoota olaanoo humnoota mootummaa dabalatee humnoonni mootummaa miidhamuu himu jiraattonni. Haaloo sanaan manneen jiraattota saddeet ta’an gubanii barbadeessuun namoota kana dirree irratti dawoo malee hambisan jedhan.

Namoota manni jalaa gubachuun dhagaa’ame: Obbo Tasfaayee Baaburee, Araggoo Kabbadaa, Dasii Jabanuu, Baloo Dubbii, Tolchaa Nagaashuu, Girmaa Suyyumee kan jedhaman ta’uu gabaasichatu ibsa.

Waqtii gannaa kana keessa qonnaan bulaa jalaa mana gubuun maatii dirree irratti facaasuun heedduu ulfaataa ta’uu kan eeru gabaasichi; Humnoonni mootummaa kun mana barumsaa Roobii Yaayyaa buufata taasifachuun yeroo dheeraaf uummata dararaa turan jedhan. Halli nageenyaa waliigalaa Godina Salaalee keessa jiru ulfaataa ta’uus caqafameera.

Oromiyaaa kutaalee hedduu keessatti gochaan mana uummataa gubuu irra deddeebiin dhagaa’ama.

 

Share this on: