Joo Baayidaniin jaarsa gugguuftuu kana jechuun Tramp jechaan xuqe

Joo Baayidan Filannoo Ameerikaa keessaa bahuu erga beeksisanii booda Tramp Jaarsa Gugguufaa jechuun dubbiin haleele.

ODM: Adooleessa 22,2024

Wal qoccollaan filannoo Ameerikaa itti fufeetu jura. Doonaald Tramp fi Joo Baayidan jechaan wal xuxxuquu itti fufaniiru.

Ta’us dhiibbaa paartiisaaf hawwasa irraa isa mudateef Joo Baayidan filannootti akka hin hirmaanne ibseera. Ta’us Doonald Tramp ammoo jaarsa gugguufaa jedhee isa jechaan waraanuu jalaa isa hin baafne.

Tiraampi Joo Baayideniin yoo dubbiin tuqu akkas jedhe. ”Biyya keenya eenyu gaggeessuu danda’a? Baayiden jaarsa gugguuftuu kana miti. Eessa akka jiruyyuu hin beeku. Yoo waajjira isaa gaggeessuu hin dandeenye, biyya keenyas gaggeessuu hin danda’u. Jaarsi gugguufaan kun akka har’a dorgommii keessaa bahe dagachuun bor ganama ka’ee dorgommii keessa jirra jechuu danda’a,” jedheen.

Kanaan dura ammoo Joo Baayidan dhimma wal quunnamtii saalaan Tramp jechaan xuqeera. Dubbiin sun garuu Tramp osoo hin taane Baayidan deebi’ee miidhe. Jecha dubartii daldala salquunnamtii gaggeessitu waliin an hin ciifne jechuun Baayidan dubbate isuma taajjabsiise.

Qabxii kana erga irratti qabatee booda yaada falmii kaasuun kan beekamu Tramp jechootaan waraanuu jabeesseera.

Joo baayidan erga filannoo keessaa of baasuu beeksisee dimokiraatota keessaa eenyu akka kaadhimamu shakkiin deddeemaa jira. Kamaalaa Haaris kaadhimamtuu pirezidantii paartii Dimookiraat ta’uun ammallee hin mirkanoofne. Garuu paartiinshee ishee waliin hiriiraa jira.

Akkuma Kaati Keey jalqaba gabaaste, amma yaadni hundi akka waliin dorgomaniif eenyuun filachuu dandeessi kan jedhutti garagalaa jira.

Akka yaadachiisaatti, waahilli dorgommii filannoo booda itti aanaa pirezidaantii ta’a, yoo Haaris filannoo Sadaasa dhufaa kan injifattu ta’e.

Miseensi Kongiresii Kaarolinaa Kibbaa, Jiim Kiliibarn CNN waliin haasawa taasisaniin, bulchitoonni sadii dorgommii kana keessa jiraachuu akka danda’an yaada dhiyeessan.

Isaaniis, Andii Bashiir kan Kentakii, Rooy Kuuppar Kaaba Kaarolinaa irraa fi Joosh Shaapiro Pensiilvaaniyaa.

Bashiir fi Kuupar paartii Dimookiraat lama yoo ta’an, lamaan isaaniiyyuu kutaalee bara 2016 fi 2020 Tiraampiif sagalee kennan keessatti kan isaanii qabatanidha.

Bashiir fi Kuuppar miseensota paartii Dimokiraatii yoo ta’an, lamaan isaaniiyyuu kutaalee bara 2016 fi 2020 Tiraampiif sagalee kennan keessatti eddoo ofiisaanii kan qabataniidha.

Kan waajjira isaa gaggeessuu hin dandeenye biyya keenya gaggeessuu hin danda’u jedha Tramp. Karaa miidiyaa hawwaasaa isaa maxxansa maxxansaa jiruun cimsee Baayidaniin qeeqeera.

Tiraampi ”Baayiden tasumaa koroonaadhaan hin qabamne. Garuu farra Dimokiraasiiti,” jedhe.

Tiraampi itti fufuun yoo dubbatu ”Ammas waan xumurame miti. Jaarsi gugguufaan kun akka har’a dorgommii keessaa bahe dagachuun bor ganama ka’ee dorgommii keessa jirra” jechuu danda’a,” jedhe.

Tiraampi paartiin Rippaabilikaanotaa ”beenyaa burjaajjii uumamee’ argachuu qaba jedha akkasuma Falmiin TV itti aanu ABC irratti osoo hin taane, Fox News irratti tahuu qaba jechuun falma

Share this on: