Eertiraaf Itoophiyaan daandii xiyyaaraa wal dhorkataa jiran.

Eertiraan xiyyaara Itoophiyaa biyya ishee akka hin seenne gaafatte.

ODM: Adooleessa 24,2024

Diraamaan gaanfa Afrikaatti waggoottan darban keessa araara Itoophiyaa fi Eertiraa jechuun hojjetamaa ture goolaba irra waan gahe fakkaata. Amma kutaan araaraa sun dhumee gara waraana biraaf waan wal qopheessaa jiran fakkaatu.

Eertiraa fi Itoophiyaan dhiyeenya kana erga wal honnobuu eegalanii ifatti Eertiraan balalii xiyyaaraa dhorkachuu ibsaa jirti. Mootummaan Eritiraa xiyyaarri Itoophiyaa Fulbaana 30, 2024 irraa kaasee kan gara Asmaraatti balali’u hunda dhorkamuusaa dursee beeksiseera.

Kana Ministiriin geejibaafi quunnamtii Eritiriyaa ibsa har’a galaalcha motuma Haddas jedhamurratti baaseen ifoomsan. Daandiin qilleensa Itoophiyaa guyya kaahameefii kaasee gara Asmaratti balali’uu danda’u waan hin jirreef imaltootni mala biraa soqadhaa jedhe.
Murtoon kuni kan fudhatame xiyyaarri Itoophiyaa imaltootasaa lammii Eritira ta’an jalaa meeshaa hata, shaanxaa tursa, gatii tikkeettaa akeekkachiisa malee dabale, yeroosaa eeggatee hin fe’u kana malees, kabaja isaaniif hin qabu waan ta’eefidha jedhe  Abbaan taa’etaa siivil aveeshinii biyyattii.

Akka sirreeffatuufi meeshaa bades akka kafaluuf gaafatamee gurra waan dhorkateef kana goone jetti Asmaraan. Daandiin qilleensa Itoophiyaas balaliin xiyyaara gara Asmaraa hundi Onkoloolessa 1 irraa kaasee akka dhaabbatu mirkaneesseera. Himata irratti dhihaateef waan deebise yoo jiraateef ammaaf hin baramne.

Xiyyaarri Itoophiyaa gara Asmaraatti deebi’ee balali’uu kan eegale bara 2018 keessa ture. Ergasiitii torbeetti guyyaa shan gara Asmaraatti balali’aa jira.  Xiyyaarotni gara Eritiraatti guyyu balali’an kan Sa’udii Arabiyaa, Turkiyeefi Ijiptiiti.
Pirezidant Isaayaas Afawarqii dhiheenya gara Room wayita deeman, xiyyaarotni Ixaalii gara Asmaraatti imala akka eegalan walii-galuun isaanii ibsamee ture.

Bara 2018 wayiita balaliin xiyyaaraa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu eegale imimmaan buufata xiyyaaraa doolleessuu ka’e. Lammiileen waggoota dheeraaf wal dhaban wal argan kan jedhu miidiyaa addunyaa dabalatee hedduun balballoomaa ture. Inumaa yaalii nagaa biyyoota lameen gidduutti deebise jedhamuun Abiyyi Ahemad badhaasa Nooble akka argatu taasisuu keessatti gahee bahateera.

Dhiyeenya garuu Faannoof dahoo taati Eertiraa guungummii jedhuun keessoon biyyoota lameenii dhibdee godhateera. Dhibdeen kun sadarkaa daandii xiyyaaraa wal dhowwachuurra gahee jira. Waan itti aanu walumaan ilaalla.

Share this on: